Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu kaarraa keessatti dargaggoon tokko waraana murna PPn ajjeefamuun himame 

ONM-ABO Amajjii 5, 2024

Oromiyaa keessatti ajjeechaan waraana impaayera Itoophiyaan raawwatu kamuu ija mootummoota addunyaa jalaa dhokachuun, osoo caasaan dhaabbata mirgoota dhala namaaf falmu impaayeratti keessatti argamuu, duuti ilmaan Oromoo irraa dhaabbachuu dadhabuun, Oromiyaa kallattii maraanuu ilmaan hiyyeessotaa waraana sirna bilxiginnaan ajjeefamuun ammallee jabaatee jira.

Amajjii 2, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu kaarraa ganda Igguu Bochii jedhamutti, waraanni maafi’aa PP ajaja ajjeesuu Koloneel Abiy Ahimed irraa fudhachuun bobbaafaman dargaggoo ol adeemaa abdii maatii isaa ta’uun guyyuu dalagaa dhuunfaa isaa hojjechuun maatii jiraachisu kan maqaan isaa Ermiyaas Habshaalee Waajjiraa Jedhamu, yakka tokko malee qabuun akka ajjeesantu dubbatama.

Akka guutuu Oromiyaatti rakkoon murni bilxiginnaa uumee jiru,aangoo isaaniif qofa  kan dhama’aan, uummataan mari’atanii rakkoo furuu irra namoota ajjeesuu irratti xiyyeeffatanii gadaa aangoo isaanii dheereffachuu qofaa irratti kan argaman yoo ta’u, ajjeesuun garuu furmaata osoo hin taanee daranuu rakkoo kanarraa uuma jechuun jiraattotni nuti onicharraa dubbisne yaada isaanii ONMtti himaniiru.

Exit mobile version