ONM-ABO Bitootessa 11, 2024
Sarbamiinsi mirga namoomaa jabaatee mul’achaa kan jiru Oromiyaa keessatti ol adeemtotaa fi dargaggoota utubaa biyyaa ta’uun ijaarsa biyyaa keessatti shoora guddaa ba’an murni bilxiginnaa ajjeesuun gadaa aangoo isaa dheereffachuuf guyyuu hojjechaa jira.
Akka kanaanis Bitootessa 10, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu kaarraa ganda Lalisaa Komis jedhamutti dargaggoon maqaan isaa Xibabuu Owwaataa jedhamu yakka tokko malee waraana faashistii PP’n qabamuun ajjeefame.
Dargaggoo Xibabuu erga ajjeesaniis Burraaqaa Dhibbisaa kan jedhamu qabuun fudhanii akka deeman jiraattotni kan himan, haalli fayyummaa isaa yaaddoo ulfaataa ta’ee akka jirus dabaluun himaniiru.
Guyyoota kudha afur keessatti namootni hedduun aanaa Qilxuu kaarraa keessatti ajjeefamuun, hedduunis maqaa sobaan yakkamanii mana hidhaa keessatti waraanaa fi kaadiroota sirna PP’n hiraarfamaa akka jiranis dubbataniiru.

