ONM-ABO Bitootessa 4, 2024 W
aggootan ja’an sirni badhaadhina labsu aangootti dhufee eegalee Oromiyaa keessatti duutni lammiilee qulqulluu irraa kan hin dhaabbatin jiru ilmaan Oromoo barjaa sobaan yakkamuun waraana naasuu hin qabne Koloneel Abiy Ahimed itti bobbaaseen duguugamaa jiru.
Bifuma kanaanis Bitootessa 3, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Buukee Akkachee jedhamu keessatti dargaggoon maqaan isaa Shaaraggaa Tammaanaa Abdiisaa jedhamu waraana faashistii PP’n ajjeefamuun himame.
Waraanni yakka ajjeechaa dargaggoo kana irratti raawwatan bulchiinsa magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa barii barraaqaan gara gandichaatti imalanii akka turan kan himamu, jiraattota gandichaa hunda irratti yakkoota garaagaraa raawwachuun namoota hedduus hiraarsaa turuun beekameera.

