ONM-ABO Adoolessa 13, 2024
Yakkoota waraanaa hawaasa nagaa irratti adeemaa jiruun Oromiyaa keessatti namoonni hedduun du’anii, kumaatamaan kan lakkaa’aman ammoo qe’eerraa buqqa’aa, hidhamaa fi manneen irratti gubachaa jiraatus, sarbama mirga namoomaa kanaaf qaamni bilxiginnaa gaafachaa jirus hin jiru.
Ajjeechaa mirgoota namoomaa suukkanneessaa, waraana abbaa irree kanaan kaleessa Adooleessa 12, 2024 aanaa Qilxuu Kaarraa bulchiinsa magaalichaa irraa waraanni sirnichaa ganda Baafannoo jedhamutti maqaa sakattaa WBO’n bobbaafaman dargaggoo maqaan isaa Fiqiruu Awwaataa Bijaaree jedhamu mana keessaa gadi baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuun beekameera.
Dargaggoon kun nama nagaa siyaasa keessaa quba hin qabnee fi hojii qonnaan ofii fi maatii isaa gargaaruun jiraatu ta’us maqaa WBO waliin hariiroo qabdaan ija maatii duratti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattonni dubbatu.
‘’Lixa Oromiyaa dabalatee kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti waanti raawwatamaa jiru yaaddeessaa ta’uun waraanni baadiyyaa Oromiyaatti koloneel Abiy Ahimediin bobbaafamaa jiran hawaasa nagaatti dhukaasa bananiin qe’een namootaa barbadaa’ee akka jirus yeroo hedduu irra deddeebiin gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.

