ONM-ABO Bitootessa 26, 2025
Aanaa Baakkoo Tibbeetti hoogganaa dhimma nageenyaa aanichaa kan ta’e namni maqaan isaa Dinqaa Booddanaa jedhamu jiraattota ganda Biqiltuu Lakkuu fi Walqixxummaa Bakkareeree irraa maqaa loon keessan kaloo kiyya irra dheechiftan jedhuun loon tokkotti qarshii 5000-7000 dirqamaan saamaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan.
Namoota haala kanaan saamichi irratti raawwate keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Tasfaayee Sabbooqaa irraa qarshii 5000,
- Mokonnon Kuusaa irraa qarshii 7000
akkasumas, kanneen biroo maqaan isaanii hin eeramne hedduu irraa akka saaman ibsameera.
Dantaa nama dhuunfaa tiksuun garaa isaanii guuttachuuf jecha dhugaa jallisanii haadha hiyyeessaa boossisaa kan oolan ergamtoonni sirna nama nyaataa PP, goleewwan Oromiyaa cufa keessatti sirna dhala namaaf naasuu hin qabnetti hirkachuudhaan hawaasa harka qalleeyyii irratti saamicha raawwachuu jabeessanii itti fufanii jiru.

