Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaalee cufa irraa milishoonni baay’inaan afur afur ta’an Godinatti ergamanii akka leenjifamaniif Aanaaleen Godinichaa qarshii 400,000 gaafatamaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Bitootessa 27, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaalee godinichaa hunda irraa humnoonni milishaa gara godina Gimbii deemanii leenjii akka fudhataniif ajajni darbee jiraachuu maddeen keessoo sirnichaa ONM’f kan eeran oggaa ta’u, leenjii milishummaa kanaafiis tokkoon tokkoon aanaalee godinicha jala jiranii baajata qarshii kuma dhibba afur akka kaffalan dirqisiifamaa jiraachuun ibsameera.

Kallattii wal irra jiraniin saamicha wal irratti kan geggeessan lukkeeleen Bilxiginnaa rakkoo baajeta isaan muddee jiruuf faloo kaa’uu irra xiyyeeffannoon wal saamaa jiraachuun beekameera.

Rakkoolee baajataa sirnicha mudatee jiruuf waan qabee gadi dhiisu kan wallaale mataan Bilxiginnaa koloneel Abiy Ahimed, rakkoo siyaasaa fi dinagdeen humnoota keessoo sirnichaa wal irratti ijaaruun bu’aa siyaasaa argamsiifachuuf jecha ergamtoota isa jala jiran wal nyaachisaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version