Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaatti kaadiroonni murna Bilxiginnaa maqaa meeshaa waraanaa bitachuu qabdu jedhuun uummata ganda tokkoo irraa qarshii kuma dhibba afur fuudhaa jiraachuun ibsame

ONM-ABO Fulbaana 21, 2025 

Godinni Jimmaa aanaalee hedduu kan of jalaa qabdu yoo taatu, tibbana ammoo maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu fi eegumsa naannoo keessaniif oola jedhuun uummanni aanaalee godinichaa martuu akka ganda isaatti qarshii guddaa kaffalee meeshaa waraanaa akka bitatuuf ajaja jabaa itti kennuun hiraarsaa akka jiran jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Haaluma kanaanis akka ganda tokkootti meeshaan waraanaa baay’inaan 10 ta’u, kan dura turetti dabalamee akka bitamuuf dirqamni darbee kan jiru oggaa ta’u, namni kamiyyuu dureessaa qabee hanga harka qalleeyyii gandoota keessatti argamaniitti qarshii gaafatame yeroon kaffaluu qaba maqaa jedhuun torban kana keessa saamicha irratti fuulleffatanii akka jirantu himama.

Namni qarshii gaafatamaa jiru yeroon hin kaffalles ilaalcha qaamolee siyaasaa biroon yakkamuun kan hidhamuu fi barjaa dharaan golgamee hanga ajjeefamuutti gahaa kan jiru oggaa ta’u, uummatni qotee-bulaan jireenyi harkaa gara afaanii ta’uun iyyuu yeroo itti ulfaataa jirutti yaaddoo fi doorsisa murnichaan gidirfamaa jiraachuus dubbatu.

Yeroo itti koloneel Abiy Ahimed impaayerattiin meeshaa waraanaa gurguddaa PKM, diroonii fi misaa’ela oomishuun nageenya ishee tikfachuuf qophiidha jedhee miidiyaan dubbatutti uummatni ammoo nuti meeshaa bituun qaaniidhas kan jedhan, akka waliigalaatti guddina sobaan guyyuu faarfamuu malee dhugaan lafa irra jiru daranuu impaayerattiin kufaatii hamaa keessa akka jirtus ifa galaa akka ta’es jiraattonni yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsaniiru.

Exit mobile version