Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miyanmaar keessatti du’aatiin namootaa balas kirkira lafaan qaqqabe gara 694tti yoo ol guddatu, 1,670 irraa ammoo miidhaan qaqqabuu bulchiinsi waraanaa biyyatti ibse

ONM-ABO Bitootessa 29, 2025 

Kirkira lafaa guddaa Miyanmaar keessatti mudateen lubbuun namootaa 694tti darbuun namoonni 1,670 ta’an kan madaa’an ta’uu isaanii bulchiinsi waraanaa biyyattii aangoo fonqolchaan qabatee Sanbata har’aa  ibseera.

Kirkirri guddaan safartuu 7.7 Jimaata kaleessaa giddu gala Miyanmaar  magaalaa Sagaying irraa gara kaaba dhihaatti kan rukute yoo ta’u, kutaalee biyyattii gurguddoo keessatti badiisa guddaa uumeera.

Magaalaa guddittii biyyattii lammaffaa kan taate Mandalay keessatti labsiin yeroo muddamaa labsamee jira, kunis giddu-galeessaa fi bakka badiisni guddaan itti mul’atetti dhihoo turte.

Biyyattii keessatti namootni 694 du’anii 1670n madaa’uun himamus Garuu bal’inni balaa kanaa ammallee hin mul’anne. Kanaaf lakkoofsi namoota du’anii baay’ee ol ka’uu hin oolu jedhama.

Suuraaleen AFP Mandalay irraa dhufan akka agarsiisanitti gamoolee hedduun caccabaanii wal irra tuulamuu kan agarsiisu akka ta’e AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version