Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kirkira lafaa Miyanmaaritti mudateen namootni du’aa gara 144’tti yoo ga’u, Juuntaan bulchiinsa biyyittii gargaarsa idil-addunyaatiif waamicha dhiyeesse

ONM-ABO Bitootessa 29, 2025 

Kirkira lafaa hamaa Miyanmaar keessatti mudateen namoota du’a gara 144tti kan ol guddise yoo ta’u, namoonni dhibbaan lakkaa’aman madaa’uu isaanii Jimaata kaleessaa hogganaa olaanaan Juuntaa Jeneraal Min Awung Hilaying ibsuun, gargaarsa idil-addunyaatiif iyyachuu isaanii himaniiru.

Haasaa TV irrattis, hogganaan Miyanmaar kun kirkirri lafaa miidhaa bu’uuraalee misoomaa guddaa geessiseera Miidhaan balaa kanaan mudate ol ka’uu akka danda’u akeekkachiisaniiru.

”Kirkirri lafaa Mandalayiin giddu galeessa godhateen miidhaan qaqqabe 144 ga’eera, 732 ammoo madaa’aniiru,” jedhan Min Awung Hilaiyng.

Naannolee balaa kanaan miidhaman keessattis tattaaffiin baraaruu fi barbaacha waan gaggeeffamuuf gargaarsa idil-addunyaa gaafateera.

Ollaa isaanii Taayilaanditti yoo xiqqaate namoonni 6 kan du’an yoo ta’u, kanneen biroo 117 ammoo Jimaata naannoo Miyanmaar keessatti sochii lafaa cimaa 7.7 qaqqabeen Baangkok ijaarsa kukkufeen caccabaa jalatti  hafan ykn dhabamaniiru jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version