ONM-ABO Bitootessa 31, 2025
Baha Harargee aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadootti Bitootessa 28, 2025 irraa eegaluun maqaa “harka qalleeyyii gargaarra” jedhuun huccuu dulloomaa yeroo tokko uffatame ykn salbaajii daandii irraa bituun murni Bilxiginnaa fakkeessii raawwachaa jiraachuun ibsameera.
Huccuun daandii irraa bitame kun maqaa harka qalleeyyiif jedhu ta’us, lukkeeleen Bilxiginnaa namoota isaanitti aananii fi dhiyaataniif kennanii harka qalleeyyii huccuu sana geessaniif immoo huccuu tokkollee osoo hin kennin kan hafan ta’uun beekameera.
Murni Bilxiginnaa akka onichaatti holola filannoo fuula duratti dhufaa jiruuf uummata bitanii akka yaadaa fi fedhii isaaniitti siyaasa ittiin hojjechuuf jecha, uffannaa kanas dhiyeessuun uwwisaamiidiyaaf kan tolfatan oggaa ta’u, filannoo maqaaf qofa geggeeffamuuf huccuu dulloomaa uffatame ija dura qabuun haalduree tolfachaa jiraachuu isaanii jiraattonni araddichaa itti dabaluun ONM’f addeessanii jiru.
Duraan gandicha keessatti jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa harka qalleeyyii kanaaf huccuu bitanii kan hin beeknee fi inumaayyuu baasii mootummaa kaffaluu hin dandeenye jedhamuun tajaajila hawaasa dhorkamaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

