Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo keessatti Poolisoonni murna Bilxiginnaa konkolaachisaa tokko saamicha irratti raawwachuun rasaasaan rukutanii madeessuun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 2, 2025

Bulchiinsa magaalaa Kamisee keessatti Bitootessa 27, 2025 Poolisoonni idilee maqaa sakattaan daandii gubbaa dhaabbatan konkolaachisaa tokko kan maqaan isaa Torbii jedhamu fe’umsa isaa waliin ukkaamsuun hidhanii akka turan jiraattonni ONM’tti himan.

Sababni hidhamuu konkolaachisaa kanaa inni ijoon qamadii fe’ee deemaa waan tureef qamadiin karaa mootummaa sirnichaa malee gabaaf dhiyaachuu hin qabu kan jedhuun yoo ta’u, erga poolisoota kanaan hidhamees mirga wabii qarshii 10,000 kaffalee akka bahuuf qarshii kana harkaa fuudhanii akka turanis kan himan jiraattonni, boodarra garuu hidhaa irraa baasanii turtii guyyaa muraasaa booda humna waraanaa itti bobbaasuun ibsame.

Humni waraanaa itti bobbaafaman kunneenis miseensota raayyaa ittisa impaayerattii kan ta’an oggaa ta’u, bulchiinsa magaalaa Kamisee keessa osoo inni baajaajiin socho’aa jiruu hordofanii ajjeesuuf dhukaasa irratti bananii miilla isaa gubbaa madeessuun yeroo ammaa kana lubbuun harkaa miliqee yaala olaanaaf magaalaa Finfinneetti dabarfamee jiraachuu jiraattonni itti dabaluun ONM’f ifoomsaniiru.

Dhiiga ilmaan Oromoo bineensa sooruu kan adeeffatan qaamonni garaa isaanii qofaaf hidhatanii uummata jeeqaa jiran tiksitoonni impaayera Itiyoophiyaa saalaa fi umuriin osoon hin daangessin ol adeemtotaa hanga maanguddootaatti gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun dhiiga dhangalaasuu fi lubbuu obbaasuu jabeessanii jiru.

Exit mobile version