Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota qe’ee fi qabeenyaa irraa ari’uun saamicha irratti raawwatan

ONM-ABO Ebla 4, 2025 

Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyyaa jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa dararaa ulfaataa hawaasa Oromoo irratti raawwatan jabeessanii itti fufuun, Bitootessa 30, 2025 akka jiraattonni ayyaana waggaa sooma hiikaa bara Hijiraa waggaa 1446 akka hin ayyaaneffanne dhorkanii, halkan sa’atii 8:00 irraa eegaluun hanga guyyaa keessaa sa’atii 6:00’tti uummata irratti dhukaasa bananiin namoota 92 ol ta’an qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa kan buqqisan ta’uu jiraattonni rakkoon kun irra ga’e ONM’tti himan. 

Lukkeeleen Bilxiginnaa bu’aa dhuunfaa isaanii qofa giddu galeeffachuun socho’an hawaasa gandichaa jalaa lukkuu 96 fi re’ee 19 gaaffii tokko malee saamanii qalachuun, dubartoota ammaaf maqaan isaanii adda hin baane kanneen baay’inaan 20 ta’an immoo hidhanii garmalee dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuun ifoomee jira. 

Loltootni naamusa waraanummaa hin kabajnee fi naasuu tokkollee ilmaan Oromoof hin qabne guyyaadhuma sana gandicha keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Usmaan Abdurroo, 
  2. Sheek Muktaar Gandoo, 
  3. Usmaan Diiggatoo, 
  4. Huseen Waaqoo, 
  5. Qaasim Gandoo, 
  6. Sulxii Jundii fi 

kanneen biroo hedduu ta’an jalaa re’ee saamanii deemuu jiraattonni gandichaa itti dabaluun ibsanii jiru. 

Exit mobile version