Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Guyyaa Kaleessaa Israa’el Haleelaa Kibba Damaasqoo fi Libaanos Irratti Raawwachuu Miidiyaaleen Mootummoota Lamaanii Ibsan 

ONM-ABO Ebla 4, 2025 

Israa’el haleellaa Kiswaa kibba magaalaa guddoo Siiriyaa Damasqoo irratti raawwachuu dhaabbati oduu mootummaa Kamisa kaleessaa gabaaseera.

Israa’el tarkaanfii haleellaa qilleensaa cimaa kan fudhatte yoo ta’u, kunis Kamisa kaleessaa Siiriyaan biyyattii gara eegumsa Turkiitti jijjiiruuf yaalaa jechuun akeekkachiisa bulchitoota haaraa Damaasqootti argamaniif laachuu akka ta’e labsite.

Oduma kanaan wal qabatuun guyyuma kaleessaa waraanni Israa’el miseensota Hizboollaa Kibba Libaanos irratti xiyyeeffachuun haleellaa qilleensaa akka raawwate ibseera.

Dhaabbanni oduu biyyaalessaa Libaanos (NNA)n akka gabaasetti, namni tokko ganda naannoo Israa’elitti argamutti haleellaa diroonii Israa’el konkolaataa irratti raawwatteen madaa’uu isaa ibseera jechuun AFP fi Rooyiters gabaasaniiru.

Exit mobile version