Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaan qilleensaa haaraa Israa’el Libaanos keessatti raawwatte namoota 63 ajjeesee kudhanootaan madeesse

ONM-ABO Onkoloolessa 1, 2024 

Haleellaa qilleensaa Israa’el Wiixataa kaleessaa naannoolee gara kibbaa fi baha Libaanos irratti xiyyeeffateen yoo xiqqaate namoonni 63 yoo du’an, 92 ammoo madaa’uu Ministeerri Fayyaa beeksise. 

Ibsi ministeerichaa akka beeksisetti, haleellaa xiyyaaraa Israa’el Dilbata darbe Kibba Libaanos Baha Siidoon magaalaa Ayin Ed Delb jedhamtu keessatti raawwatteen lubbuu namaa darbe yoo xiqqaate  namoota 45 ta’uu fi namoonni 70 madaa’uun ibsameera.

Aangawoonni kanaan dura lakkoofsi namoota haleellaa walfakkaatuun du’anii namoota 24 akka ta’e ibsaniiru.

Haleellaa Israa’el naannoo baha Hermel keessatti raawwateen namoonni dabalataa 12 du’uu fi 20 madaa’uu ministeerichi beeksiseera.

Xiyyaaronni waraanaa Israa’el giddugala ittisa siiviilii magaalaa Sohmor dhiha gammoojjii Bekaa keessatti argamu rukutee ogeeyyiin fayyaa jaha du’anii afur madaa’aniiru.

Fulbaana 23 irraa eegalee Israa’el guutuu Libaanos keessatti haleellaa xiyyaaraa guddaa bakka Hizboollaan jiru jedhamu irratti banuun namoota 900 ol ajjeesuu fi 2,700 ol madeesse jedha Ministeerri Fayyaa Libaanos.

Haleellaa Israa’el kanaan hogganaa isaa Hasan Nasrallah dabalatee ajajoonni Hizboollaa hedduun ajjeefamaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Israa’el Katz Kamisa ganama akka jedhanitti, Tel Aviv Libaanos keessatti dhukaasa dhaabuu kan fudhattu yeroo Hizboollaan daangaa irraa gara kaaba laga Litaniitti dhiibamee meeshaan waraanaa hiikame qofa jedhe.

Wiixata kaleessaa muummichi ministeeraa Najib Mikati Libaanos murtee Mana Maree Nageenyaa  Mootummoota Gamtoomanii 1701 kan waraana Libaanos kibba laga Liitaanii bobbaasuu of keessaa qabu hojiirra oolchuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Kun kanaan osoo jiru kaleessa galgala Israa’el duula waraana lafoo gara kibba Libaanos keessatti geggeessuu eegaluu Aljezeeraan yoo gabaasu, duulli kun naannicha keessatti lola hunda hirmaachisuu hafeeruu mala sodaan jedhu guddachaa dhufuu fi Iraan nuwukilara ittiin hamatamtu fayyadamuu dandeessi yaadni jedhu guddachaa dhufeera.

Exit mobile version