ONM-ABO Onkoloolessa 31, 2024
Haleellaa Israa’el baha Libaanos irratti raawwateen Roobii kaleessaa yoo xiqqaate namoonni 30 ajjeefamanii hedduun madaa’uu isaanii qondaaltonni himan.
Madaallii jalqabaa haleellaa xiyyaaraan mana jireenyaa aanaa Baalbek Bednayel irratti raawwatameen lubbuun namoota saddeet du’uu Ministeerri Fayyaa naannichaa beeksiseera.
Itti dabaluudhaanis, “haleellaan xiyyaaraa Israa’el walitti aansuun magaalaa Sohmor kutaa Bekaa Dhihaa irratti raawwatte, namootni 11 ajjeefamuu, 11 ammoo madaa’aniiru.
Boodarra dhaabbanni Oduu Biyyaalessaa Libaanos akka gabaasetti haleellaan xiyyaaraa naannoo mana jireenyaa magaalaa Beyit Salibi Baalbek keessatti argamu irratti xiyyeeffate yoo xiqqaate namoota 11 kan ajjeese yoo ta’u, lama ammoo haala yaaddessaa keessa jiru.
Israa’el ji’a darbe Libaanos keessatti duula qilleensaa guddaa kan jalqabde yoo ta’u, erga haleellaan gara jabinaa Israa’el Gaazaa irratti jalqabdee asitti lola daangaa qaxxaamuraa Israa’elii fi garee kana gidduutti waggaa tokkoof hammaataa dhufe keessatti, Hizbullaah irratti xiyyeeffattee jirti.
Waxabajjii darbe irraa eegalee haleellaa Israa’el raawwateen namoonni 2,800 ol ajjeefamanii, 12,900 ol ammoo madaa’uu aanga’oonni fayyaa Libaanos beeksisaniiru jechuun dhaabbanni oduu Libaanos gabaaseera.

