ONM-ABO Ebla 5, 2025
Aanaa Horroo Bulluq magaalaa Saqalaa bakka addaa Bahaammannee jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii:
- Beenyaa Asaffaa,
- Adaanaa Garbii,
- Firoomsaa Margaa,
- Baqqalaa Fayyeeraa,
- Oljirraa Dassaalee,
- Tijaanii Imaamuu,
- Qanaatee Gaaddisaa,
- Morkaa Hordofaa,
- Asfawuu Tarrafaa fi
kanneen biroo hedduu irratti torban kana reebicha hamaa ta’e raawwatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Xiqqaa fi guddaa, dhukkubsataa fi fayyaa osoo hin jenne ergamtoonni Bilxiginnaa impaayera kufuu geesse utubuuf halkanii fi guyyaa dadhaban, hawaasa gabaa magaalaa Saqalaa irraa galus kan reeban yoo ta’u, waliigalatti badii tokko malee kanneen baay’inaan 200 ol ta’an irratti reebicha hamaa hanga qaama dhiigsuutti ga’e raawwatanii deemuun dabalataan ibsamee jira.
Ergamtoonni Bilxiginnaa bulchiinsa isaanii jalatti dirqamaan nama bulchuuf dararaa gurguddaa Oromoo irratti raawwachaa, akka waan aangoon kun kan Oromoo ta’eetti waggaa 7’ffaa bulchiinsi faashistii Abiy Ahimed aangootti ol ba’e kabachuuf Roobii darbe dirqiin uummata hiriira baasaa turuun ni beekama.

