Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Horroo Bulluqitti loltoonni Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa irratti reebicha raawwatan

ONM-ABO Ebla 27, 2025 

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq bulchiinsa magaalaa Saqalaa bakka addaa Bushkee jedhamutti waraanni faayidaa dhuunfaa isaanii guuttachuu qofaaf bobba’an, namoota gadda taa’an irratti reebicha ulfaataa raawwachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Badii tokko osoo hin qabaanne waan Oromoo ta’an qofaaf, “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jechuun, jiraattota maqaan isaanii:

  1. Daawud Muhaammad,
  2. Abaabaa Muhaammad,
  3. Juwaaree Sheek Qaasim,
  4. Kuwuleetee Sheek Qaasim fi 
  5. Dirribee Araarsoo 

jedhaman bakka isaan gadda taa’aa jiranitti reebicha hamaa qaama laalessu irraan gahanii deemuun eeramee jira. 

Namoonni gandicha keessaa reebaman kunneen reebicha ulfaataa irratti raawwatameen garmalee miidhamanii yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduutti kan argamanii fi yaala tokko malee rakkataa jiraachuun himamee jira.

Exit mobile version