ONM-ABO Ebla 8, 2025
Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbeetti torban kana keessa loltoota impaayerattiin hiraarsaan jiraattota irratti raawwatamu hammaachuun ganda Odaa Gudayyaa jedhamu keessaa namoota maqaan isaanii:
- Kidee Wadaajoo,
- Waaqgaarii Wayyeessaa fi
- Araarsoo Dagaagoo
jedhaman yakka tokko malee mana isaaniitii qabanii gara waajjira gandaa geessuun maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun reebicha ulfaataa irratti raawwatanii deemuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Namoonni gandicha keessaa reebaman kunneen reebicha ulfaataa irratti raawwatameen miidhamanii yeroo ammaa kana du’aa fi jireenya gidduutti akka argamanii fi yaala tokko malee rakkataa jiraachuun himamee jira.
Murni Bilxiginnaa gubbaa hanga gadiitti wal gurmeessanii qonnaan bultoota Oromoo siyaasa kam keessaa hirmaannaa hin qabne irratti xiyyeeffachuun maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkanii hiraarsaa ulfaataa irratti raawwachuu itti fufanii jiru.

