ONM-ABO Ebla 9, 2025
Dhibdee siyaasaa impaayerattii furee nagaa waaraa lammiileef buusuu irra humnaa fi aangoo isaatti hirkachuun dachee Oromiyaa dirree dhiigaa fi gubannaa taasisuuf kan ifaaju mataan finxaalessaa koloneel Abiy Ahimed godina Arsii Bahaa aanaalee Martii fi Jajuutti jiraattota hidhuu jabeessuun dhaga’ame.
Bifuma kanaanis Ebla 5, 2025 aanaa Jajuu ganda Iguu, Shambadoo fi Gorbaatii irraa yakka tokko malee namoonni hidhaman danuu oggaa ta’an kanneen maqaa arganne muraasni:
- Haakim Abdallaa,
- Fu’aad Jeeylaan,
- Maammad Gabii,
- Taajuu Gabbisuu,
- Taajuu Sheek Xa’aa,
- Kamaloo Abdoo,
- Ahimad Usmaan,
- Maakidaa Waayyuu,
- Makkoo Gammadaa fi
- Misraa Ibrahaa dabalatee namoota baay’inaan 20 ol ta’an ukkaamsanii hidhaatti darbachuun beekameera.
Kana malees bifuma walfakkaatuun Ebla 7, 2025 aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyyaa bakka addaa Maqaallaa jedhamu irraas namoota maqaan isaanii:
- Ahimad Jamaal,
- Biniyyoo Gabii,
- Maashoo Ahimad,
- Caalaa Afmadoo,
- Diimaa Afmadoo,
- Sheek Jundii Nuuraa fi
- Sayiidaa Gabii kan jedhaman hidhuun qabeenya isaanii guutuu akka saaman jiraattonni ONM’f eeraniiru.

