ONM-ABO Ebla 7, 2025
Kaleessa Ebla 6, 2025 murni garboomsaan Bilxiginnaan godina Arsii Bahaa aanaa Jajuutti maqaa da’oo Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun bosona gandoota Hanqallisaa fi Basqalloo keessatti argamutti ibidda shiduun gubanii barbadeessuun ibsameera.
Bosonni madda galii biyyaa fi da’oo bineensota bosonaa ta’uu osoo beekanii waraanni garboomfataan PP maqaa sakattaa WBO’n guyyuu bobbaafaman haleellaa gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo dandamachuu dadhabuun haaloo namootaa fi lubbuu qabeeyyii irratti taasisuun kan beekaman irra deddeebiin bosona Oromiyaa keessaa barbadeessuu haalaan cimsanii itti fufaniiru.
Kana malees oduu gubaatiin kan wal qabatu loltoonni gara jabinaan qe’ee hawaasaa barbadeessuuf bobbaafaman Ebla 5, 2025 Kaaba Shaggar aanaa Yaayyaa Gullallee ganda Alii Dheeraa iddoo addaa Gomboree jedhamu irraa manneen jiraattotaa gubuun ifoomeera.
Namoonni manneen jalaa gubate maqaan isaanii:
- Obbo Taadduu Haayiluu jalaa mana 1
- Obbo Darrabaa Nagaas jalaa mana 2 fi
- Obbo Nagaash Baalchaa jalaa mana 1 gubuus jiraattonni ONM’f addeessaniiru.
Gubaatii manneenii fi mancaatii bosonaa waraanni faashistii PP guutuu Oromiyaatti taasisaa jiraniin haalli jijjiirama qilleensaa fi gadadoon jireenya hawaasaa irratti dhufus yaaddessaa ta’uun kan beekamuudha.

