Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15/2025 Sababeeffachuun walaloo kana jaallattoota keenyaaf gumaachinerra!

Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15/2025 Sababeeffachuun walaloo kana jaallattoota keenyaaf gumaachinerra!

Dabbal mootii gaaraa
Hanga dhiidhessaatti
Jorgoof walal irraan
Hanga Soloolootti, ……
Waliif lallabanii
Wal kaasuun ilmaankee
Lubbuu itti dhabanii
Yoo baasan gumaakee, ….
Dafqa dhiigaa cophsu
Roobaaf aduu saafaa
Gidiraa gammoojjii

Gaaraaf dachaa lafaa!

Cilaancila qabsoof
Qaanqee qabsiisanii,
Fincila gabrummaan
Lubbuu wareeganii, …..
Sabaaf falmaa turan
Lafee itti cabaa
Walaba akeekuun

Lubbuus itti dhabaa!

Jilli Jaal Magarsaa
Galmeen lafeef dhiigaa,
Riqicha nuuf ta’eera

Yaadannoon Shinniiggaa!

Warra itti dhumee
Biyyaaf ta’e aarsaa,
Dhalootatu waamee

Maqaa dhahee faarsa!

Warra onneen gaaraa
Diinaan’ saaqne karaa,
Sabnuu hin dagatuum

Yoo mararree jaraa!

Galmoo Galma Dhugaa
Roobaaf Mohii Tufaa,
Baay’eetu asiin gaheem

Falmaa, ittis kufaa!

Tokkichoof Olaanaa
Warra onneen gaaraa,
Biloof Ayyaantuu fa’i

Bobbaasiif Daraaraa, ….

Dhiiga Makkoo Bilii
Kaayyoof, Jaal Jaanjessaa
Maammuu Abbaa Qalaadii

Urjii lola keessaa,

Galmee jaarraan olii
Gatii lafeef dhiigaa,
Dhaamsa dhaamsaan darbe

Yaadannoo Shinniiggaa!

Ergaa gaara Xirroo tii
Elemoon dhaammate,
Eebboof Laggasaatu

Iddoodhaan gahate!

Kan dhiidhessaa ka’ee
Caatoof Jibaat gahu,
Fiixee gaara mul’ataa

Deemsa xiiqiin bahu,

Laga Birbir daakee
Kan Maccaan qaari’u,
Warra osoo marmaaruu

Lafti ittiin bari’u,

Warra Leeqaan goree
Daarimuun fulla’u,
Xiiqiis ofitti horee

Gibeen bu’ee bahu,

Kan gaara Sannatee
Miilaan qaxxaamuru,
Warra abdii horee
Galaa sabaaf guuru,

Marmaartuu Solooloo
Hanga kamiseettii,
Muggiif Dambi Doolloo

Loltuu taankiif jeettii, ….

Shinniiggaan yaadanna
Gootota kaleessaa;
Tasfaahuun Camadaaf

Haacaaluu Hundeessaa!

Dagamiif Abootee
Jibaatiif Cillimoo,
Joortuun Mogor keessaa

Gootota ciccimoo,

Meeqa kan yaadatu
Ilmaan xiiqiif baate,
Warra sabaaf du’ee

Reeffa allaattiin nyaate?

Yaadannoon Shinniiggaa, ….

Guyyaa shirri halagaa
Hundeedhaa caccabe
Amantiin wal qooduun
Gaafa gatii dhabe,

Du’a osoo hin sodaatiin
Tokkummaa waakkachaa
Biliisummaa sabaaf
Lubbuu qaalii laachaa,

Du’a gootaa du’uuf
Muratanii garaa,
Riqicha nuuf ta’uufi

Yaadatamoon baraa!

Doorsisni alagaa
Asiif achiin’ qoodne;
Kutaan hiruuf yaalus

Jarri walin’ oodne!

Abboomaa Mitikkuuf
Muhee Abdoo fa’i,
Laggasaa Wagiitiis

Galmee gubbaa kaa’i!

Dhaamsa Waaqoo Guutuuf
Kan Taaddasaa Birruu,
Baaroof Haayilee fa’is

Gurraa qaba firruu!

Maaramee Harqaa fa’i
Eebbisaaf Agarii,
Badhaadha Dilgaasaas

Nii dagattuu tarii!

“Nu Oromummaaf baanee
Kutaaf aarsaa hin taanu;
Xurree kaayyoof xiiqii

Karaatti hin harcaafnu!

Islaamaaf Kiristaana jechuun
Nun qooddan gonkumaa;
Dhiigniif lafeen keenyas

Nu Oromoon tokkuma!”

Jechuun lallabanii
Nuuf ta’an dhibaayyuu
Goototni kaleessaa

Maqaan jiru har’ayyuu!

Ilmaan haadha tokkoo
Maccaa fi Tuulama
Matakkal’iif Raayyaa
Warreen goojjam gamaa, ….
Kanneen dhugaaf kuftan
Horteen Sabboof Goonaa
Jajjaboon ilmaanii

Kan Gujiif Booranaa, ….

Horteen Siikkoof Mandoo
Kan Ittuuf Humbannaa
Warreen seenaa qabdan
Falmachuun wal faana, ….
Tasa garaan’ hiriin
Kamiseef Karrayyuu;
Bilisummaaf kaa’adhu

Falmadhu har’ayyuu!

Goota dhugaaf kufe
Waameen’ fixu maqaa
Seenaan sin yaadanna

Waadaadha, dhugaa Waaqaa!


Gaabbiin Abiisheetiin
Quba isaa nyaachise,
Dhaloota qubeetiin
Qawwee hidhachiise!
Dur gaara Xirrootii
Elemootu dhukaasa;
Har’allee qawwweetu
Bilisa nu baasa!

#Caayaa_Qeerroo

Exit mobile version