ONM-ABO Ebla 16, 2025
Aanaa Leeqaa Dullachaa ganda Horoo naannoo garee 12’ffaa jedhamee waamamutti Ebla 12, 2025 waraanni Bilxiginnaa galgala keessaa toora sa’a 2:00’tti nama maqaan isaa Taajuddiin Maammad jedhamu sababa tokko malee loon isaatti rasaasa roobsuun jalaa ajjeesanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, gandichuma keessaa yeroo wal fakkaataatti nama maqaan isaa Maammad Shariif jedhamu ammoo mana isaa cabsanii seenuun qarshii 25,000 jalaa saamanii deemuun ibsameera.
Akka maddeen jedhanitti, namoonni kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’anis, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun yakkoota kanneen irratti raawwachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Ergamtoonni Bilxiginnaa saayinsii fi naamusa waraanummaa tokko malee akkuma fedhan bobba’uun ilmaan Oromoo irratti miidhaa ulfaataa raawwachaa jiraachuun ni beekama.

