ONM-ABO Ebla 24, 2025
Ebla 20, 2025 aanaa Liiban Jaawwii ganda Masaraa Caancadduu bakka addaa Godoraa jedhamutti milishoonni PP alkoolii humnaa ol dhuganii machaa’uun gareedhaan wal qoodanii bakka hawaasni hedduun jirutti dhukaasa waliitti bananiin milishaan 1 battalumatti lubbuun yoo darbu, hawaasni nagaan 2 tokko harkarra, tokko ammoo miilla isaa irra rasaasaan madaa’uun yeroo ammaa mana yaalaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoonni madaa’an kunneen;
- Saamu’eel Shallamaa fi
- Biraanuu Shallamaa
kanneen jedhaman yoo ta’an, Biraanuun dhalataa ganda Alaltuu Hirkoo kan ta’ee fi dhimma dhuunfaa isaatiif bakka dhukaasni kun itti baname akka tures maddeen eeraniiru.
Akka maddeen himanitti, gochi akkasii kanneen naamusni waraanummaa irraa hin calaqqisne waraana sirnichaa gidduutti irra deddeebiin kan mul’atu yoo ta’u, wal dhabdee gidduu isaaniitti mudatuunis miidhamaa kan oolu hawaasa nagaadha.

