ONM-ABO Fulbaana 2, 2024
Saayinsii waraanummaa kan hin beekne, tokkummaa fi jaalalli gidduu isaanii kan hin jirre waraanni sirna dhableessi Bilxiginnaa bakkeewwan garaa garaatti dhugaatii alkoolii dhuganii machaa’uudhaan hawaasa nagaa ajjeesuu bira darbanii walii isaaniittis walitti dhukaasanii yeroo adda addaatti wal ajjeesaa jiru.
Haaluma kanaan, Hagayya 27, 2024 Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gimbii ganda 02 bakka addaa Hoteela Xaanaa jedhamutti Waraanni impaayerichaa kanneen raayyaa ittisa impaayerattii ta’an alkoolii dhuganii machaa’uudhaan miliishoota waliin yoo wal dhaban, milishaan sirnichaa immoo rasaasa itti dhukaasuudhaan miseensa waraanaa PP tokko ajjeesuu maddeen keenya itti dhiyoo himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, milishaan sun jiraataa magaalichaa yoo ta’u, waggaa tokko dura maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo deggarta” jedhuun waraanni impaayerichaa ilma isaa rasaasaan rukutanii akka ajjeesan himuun, namichi kunis haaloo ilma isaatii ba’uu akka hin oolle Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

