Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa Aanaa Anfillootti ajjeechaan dargaggeessa ganna 17 tokko irratti waraana faashistii PP’n raawwachuun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 26, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo bulchiinsa magaalaa Seertum jedhamu keessatti waraanni shiftaan koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman Ebla 23, 2025 dargaggeessa ol adeemaa maqaan isaa Abbittii Rufaa’eel jedhamu kan umuriin isaa 17 ta’e, mana maatii isaatii gadi baasuun ajjeessanii bineensa nyaachisuun himame.

Akka jiraattonni jedhanitti dargaggeessi kichuun kun mucaa hojii dhuunfaa isaa qofa irratti bobba’uun hojjetee of jiraachisuu fi hariiroo qaama siyaasaa kamiyyuu kan hin hordofne yoo ta’u, jaleewwan sirnichaa immoo maqaa dharaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jedhu itti maxxansuun gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsanii akka ajjeesan jiraattonni gandichaa dabaluun ONM’f addeessanii jiru.

Uummata meesha-maleeyyii garboomsee cunqursuun hidhaa fi ajjechaa akka hiree ilmaan Oromootti kan ilaalu murni balfamaan Bilxiginnaa, teessuma aangoo Abiy Ahimed kan Minilik irraa dhaale qofa tiksuuf sabboontota ilmaan Oromoo xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa, dhiiraa fi dhalaa osoo hin jedhin kaan ajjeesuun gariin hidhee kanneen biroos achi buutee dhabamsiisuun qe’ee uummatichaa golgoleessaa jira.

Exit mobile version