ONM-ABO Ebla 26, 2025
Waraanni mirga ajjeesuu gonfamee Abiy Ahimediin Oromiyaa keessatti bobbaafame Ebla 18, 2025 godina Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluutti ajjeechaa jumlaa raawwachuun himame.
Ajjeechaan kunis jiraattota ganda Cabbii Qaammee bakka addaa Qorii fi Laaftoo Rifeensoo irratti kan raawwatame oggaa ta’u, kanneen maqaan isaanii nu qaqqabes;
- Ganda Cabbii Qaammee irraa,
- Yuusufee Huseen Ahimad,
- Jamaal Xaayiroo Tunaa fi
- Abdii Amanoo Hoolee
kanneen jedhaman yoo ta’an, ganda Laaftoo Rifeensoo irraa ammoo Ahimad Huseen kanneen jedhamu ta’uun addeeffameera.
Ganduma kana irraas namoonni shiftoota koloneel Abiy Ahimediin ukkaamfamuun dhabamsiifaman kanneen maqaan nu ga’e:
- Kadiroo Dhaadhisoo,
- Hasanoo Fatoo,
- Xaahiroo Tunaa,
- Ifaa Roobaa,
- Huseen Ejersoo fi
ganda Laaftoo Rifeensoo keessaa ammoo:
- Jamaal Qaasim Mohaammad
qabeenya isaa guutummaatti saamuun mana jireenyaa isaas ibidda itti shidanii barbadeessuun dhaga’ameera.

