Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baqattoota Oromoo biyya Yaman keessa jiraatan irratti haleellaa taasifameen namoonni baay’inaan 68 ol ta’an lubbuun darbuun hedduun madaa’uun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 30, 2025 

Impaayerri Itiyoophiyaa bakka gubannaa fi lubbuun ilmaan Oromoo akka baala mukaatti harca’aa jiru ta’uu irraa kan ka’e ol adeemtotonni hedduun da’oo fi bakka fooyya’iinsa jireenyaa  barbaacha biyyoota ollaatti baqatan lubbuun isaanii achittis haala adda addaan ba’aa jira.

Keessattuu maqaa deggertoota waraana bilisummaa Oromootiin Impaayerattii keessatti ilmaan Oromoo guyyuu akka bineensaatti adamfamanii ajjeefamuu fi dirqiin ukkaamfamuun mooraa leenjiitti ergamuun waan hammaateef ilmaan Oromoo kana dheessuuf biyyoota akka Jibuutii, Somaaliyaa, Sa’uud Arabiyaa fi Yamanitti irra jireessaan kan godaanan oggaa ta’u, tikoonni sirnichaas godaantota kanneen jala deemuun ukkaamsisiisuun hidhaatti galchuu fi walitti bu’iinsa uumee Oromoo dhabamsiisaa jiraachuun cinatti ofiis haala mijeessee miidhuun beekama.

Ilmaan Oromoo jireenya fooyya’aa barbaacha biyya abbaa isaanii irraa godaanan  mooraa qubattootaa biyya Yaman bakka uummanni Oromoo tuutaan argamutti Ebla 28, 2025 haleellaa xiyyaaraa US Ameerikaan raawwatameen namoonni baay’inaan 68 ol ta’an ajjeefamuun hedduunis akka madaa’an ibsameera.

Akka jiraattonni jedhanitti kutaan haleellaan kun itti raawwates biyya Yaman naannoo Sa’aadaa akka ta’es himuun, haalli yeroo ammaa biyyattii keessatti mul’achaa jirus baay’ee yaaddessaa ta’uus itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version