Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lammiileen Itiyoophiyaa keessayyuu ilmaan Oromoo sababa garaa garaatiin baqatanii biyya Jibuutii keessa jiraatan rakkoo nageenyaa hamaaf saaxilamaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 24, 2025 

Mataan bulchiinsa abbaa irree Koloneel Abiy Ahimed bara bulchiinsa isaa keessatti wal waraansa keessootti lammiilee impaayiraattii waliin godhu qofa osoo hin taane, biyyoota ollaa waliin nagaa fi dippiloomaasii dhugaa osoo hin taane kan lolaa fi fakkeessaa qofa akka gochaa ture ragaaleen hedduun ni mirkanneessu.

Haaluma kanaan ji’a tokko dura Abiy Ahimed gara Jibuutii deemee ture. Jibuutii bakka Hariibaa jedhamutti dhalataan Oromoo fi dhalataan Jibuutii tokko walitti bu’uun dhalataan Jibuutiin lubbuun yoo darbu, namni gocha kana godhee seeraan itti gaafatame osoo jiruu haleellaan adda addaa lammiilee Itiyoophiyaa keessayyuu ilmaan Oromoo achi keessa jiraatan irratti raawwatamaa jiraachuun beekameera.

Jibuutiin lammiileen biyya alaa hayyama jireenyaa malee seeraaan ala daangaa ishee keessa jiraatan Ebla 3, 2025 hanga Caamsaa 2, 2025’tti gadhiisanii hin bahan yoo ta’e Poolisiidhaan qabdee akka deebiftu beeksiftee turte.

Yeroo kenname keessatti fedhaan gara dhufanitti akka deebi’an, yoo ta’uu baate ammoo humna Poolisiitiin biyya dhufanitti akka deebi’an godhamu jechuun mootummaan Jibuutii ibsee jira.

Exit mobile version