Duulli duguuggaa sanyii fi imaammatni hammeenya akka feetee mootummaan Abiy Ahmed raawwachaa jiru uummata keenya kan Oromiyaa (Itoophiyaa) keessa jiru qofarratti osoo hin taane, uummanni keenya biyyoota ollaa, fulaa itti kooluu galtummaan jiraatu keessattis gidiraa dhuma hin qabne dhandhamuuf dirqamee jira. Dhiheenya kana Somaaliilaandii fi Jibuutii keessatti haalli itti aanga’oonni namoota Itoophiyaarraa tahan, keessattuu lammiilee Oromoo irratti xiyyeeffachuudhaan ajaja biyya irraa ari’uu dabarsaa jiran, wanti ifatti mul’isu, Mootummaan Abiy Ahmad kufaatii dippiloomaasii hamaa keessa jiraachuusaati. Sirni kun, mirga jireenyaa fi nageenya ummanni keenyaa biyya keessatti qabaachuun irra ture irraa mulquu qofa osoo hin taane biyyoota baqattoota lubbuu olfaachuuf akkasumas nagaa argachuuf itti biyya irra bahan keessummeessan waliin hariiroo diinummaa uumuudhaan biyyoota alaa keessattis rakkinoota hedduuf saaxilee jira.
Mootummoonni biyyoota ollaa, ummataa fi sirna cunqursaa Itoophiyaa bulchaan jira jedhu gidduu garaagarummaa guddaan jiraachuu, akka hubatan dhaamna. Kanuma waliin biyyoonni kun dirqama idil-addunyaa baqattoota dararaa fi cunqursaa jalaa baqatanii gara isaanii dhufan eeguuf qaban kabajuu qabu. Mirgi koolu galtummaa qajeelfamoota ijoo seera idil-addunyaa keessatti hammatamu yoo ta’u, sarbamiinsi mirga kanaatis naannawa (Afrikaa Bahaa) kanaaf fakkeenyumma hamaa kaa’ee darba.
Dhiheenya kanas mootummaan Abiy Ahmad, duula waraanaa daangaa Itoophiyaatti labse turerra cehuun, qabata sakattaa WBO jedhuun, kallattiidhaan namoota nagaa Booranaa, hidhannoo hin qabne, kan Keenyaa Kaabaa keessa jiran irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachaa jira. Sochiin humnoota tikaa Itoophiyaa hirmachisee mootummaa Itoophiyaatiin daangaa Keenyaa keessatti taasifamu kun mirga lammiilee nagaa Booranaa Keenyaa Kaabaa ifatti kan sarbu dha. Mootummaan Ripabilka Keenyaa, nageenya lammiilee isaa tiksuu fi birmadummaa Keenyaa waraana biyya alaatirraa eeguuf dirqama qaba. Humni Abiy Ahmad, gaafatamummaa tokko malee, Keenyaa keessa akka socho’u hayyamuun, hawaasa Booranaa balaadhaaf saaxiluu qofa osoo hin taane guutummaa naannichaatti balaa tasgabbii dhabuu fida.
Kanaafuu, aangawoonni Keenyaa weerara kana dhaabsisuuf tarkaanfii hatattamaa akka fudhatan waamicha dabarsaa, lafti daangaa isaanii keessatti argamu, waltajjii hammeenyi sirna Itoophiyaa itti gaggeeffamu tahee akka hin tajaajille akka dhorkan waamicha goona. Haala kanarratti, tarkaanfii fudhachuu dhabuun weerara dabalataa jajjabeessee nagaa fi tasgabbii Keenyaa Kaabaa illee ni miidha. Hawaasni idil-addunyaas gochoota jeequmsaa Mootummaan Abiy biyyoota ollaatti babal’isuuf raawwachaa jiru kana hubannoo keessa galchuu qaba.
Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Caamsaa 9, 2025

