Abiy Ahmad jeequmsaa fi tasgabbii dhabiinsa gara biyyoota naannoo Gaanfa Afrikaatti babal’isuuf yaalii itti fufee jiraachuu ilaalchisee ibsa pireesii Hagayya 16 bara 2024 erga baasnee booda, MM Hoogganaa Tika Ripablika Keenyaa muddamaan gara Finfinneetti waamuudhaan Keenyaa waliin hariirooo gaarii nama qabu of fakkeessuuf yaalee jira. Sarara qunnamtii dura ture fayyadamuu dhiisuudhaan, Jila Keenyaa gara Finfinneetti harkisuun maaliif akka filatame ifa ta’us, qabeenya biyyattii guddaa sirni Itoophiyaa kun sagantaa suuraarratti, walgahiiwwaniif, of agarsiisaaf, akkasumas yaada kootu sirrii dha kan jedhu ittiin mirkaneessuu jecha qabeenya qisaasessu itti fufe, silaa qabeenya kanaan hojii nageenyaa gareewwan shororkeessummaa irratti bobbahan kanneen akka Al-Shabaab fa’arratti xiyyeeffatu ittiin bobbahuu danda’a ture.
Dhimmoota walxaxaa akka, maaliif qondaaltonni Keenyaas tahee mootummaan biyyaa tokko kamiyyuu, affeerraa kana diduu dhiisa jedhan hunda dhiisnee, haalli hariiroo ammaa mootummoota lamaan gidduu jiru akkuma jirutti tahee, haala baratameen qondaalli mootummaa tokko, waamicha idilee akkasii mootummaa ollaatirraa itti dhufu kan hin didne tahuun beekamaa dha. Tahus, miidiyaaleen sirnichaa garuu bakka aangawoota Ripablika Keenyaa of buusuun dubbachuuf yaalaa turuu isaanii argine. Haallisaanii waan oduu gabaasurra darbe ture. Yeroo baayyee, Paartiin Bilxiginnaa (PP) dhimma marii ykn walgahii jila biyyoota biraa waliin taasifamee ilaalchisuun yoo ibsa kennu, wanti dhugumatti jara jidduutti dubbatame maali, waan jedhu sirnaan hubachuuf, jilli biyya biraa sun ammoo dhimmicharratti maal jedhe, jedhanii eeguun baratamee jira. Akkuma jenne kanaan dura hoggantoonni Bilxiginnaa hanguma hafuura baafatan san deddeebisanii sobu. Haala hin eegamneen aangawoonni Keenyaa himannaa PP kan bu’uura hin qabnee saniif mataa isaanii sochoosuun kan agarsiisuu, aangawoon kuni MM battalumatti lafa ka’ee wantoota sirriitti osoo hin madaalle dubbatuufi jaleewwan isaattis wantuma isaan dhagahuu fedhan, itti agarsiisan abshaalummaa caaluun dubbii itti himuuf jedhanii taha. Kanaan durallee, waliigalteen gabaa Itoophiyaa bal’aafi warra alaarraa eegamaa ture, haala hin baratamneen dhaabbileen daldalaa Keenyaa akka seenan hayyamu ega taasifamee booda, Pirezidaanti Ruutoon, ‘Abiy nama akkaan qaxalee dha’ jechuun ibsuun ni yaadatama.
Dhimma misiyoonota Kooriyaa Kibbaa lamaan Mooyyalee irraa butaman ilaalchisee, bu’aan qorannoo walabaa eegamuu osoo qabuu, mootummaan Itoophiyaa gareen shororkeessaa AlShabaab Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa irratti akka jabaatuuf jecha jara kana gara dabarsee garee Al-Shabaab kanatti dabarsee kennuun isaa hin oolle. Kunis kan taheef mariin araaraa hanga ammaatti milkii dhabee addaan citaa ture kan Turkiyeen Abiy fi mootummaa Somaaliyaa gidduutti yaalaa turte, fuuldurattis mariin itti fufuun waan hin oollef, daladala siyaasaa mootummaan Abiy mootummaa Soomiliyaaf ittiin dhaamsa dabarsuuf godhe jechuun ni danda’ama. Kanaan achi, Al-Shabaab garee duubatti hafaa fi finxaalessummaa amantii qabu akkasumas kan hoggansi isaa darbee darbee kutaalee Oromiyaa lammileen Oromoo Muslimonni keessa jiraatan hawwu tahuun ni beekama. Kanaafuu, qaamni siyaasaa Oromoo kamuu, keessattuu qaamni kaayyoo Oromoo ganamaa isa sirrii hordofu kamiyyuu, tarree garee shororkeessummaa kanaa keessaa dantaa tokkollee qabaachuu hin danda’u. Akkuma yeroo hoggayyuu jennu, qabsoo farra shororkeessummaa Gaanfa Afrikaa keessatti taasifamurratti michuuwwan naannichaa fi sadarkaa idil-addunyaatti jiran hunda waliin kan dhaabbannu tahuu keenya ammallee mirkaneessina.
Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Hagayya 22, 2024

