Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waamicha Nagaa Imbaasii Ameerikaa Ilaalchisee (Ibsa ABO-WBO)

Imbaasiin Yunaayitid Isteetis (U.S.) Finfinneetti argamu har’as irra deebiidhaan, Itoophiyaa keessatti nageenyi waaraa akka dhugoomu waamicha dhiyeessee jira. Akka jaarmayaa nagaa dhugaa barbaaduu fi wareegama qaqqaalii baaseetti, waamicha Imbaasiin Ameerikaa nageenyi waaraa biyyattii keessatti akka dhufuuf taasise kana ija gaariin ilaalla. Gaaffiin kun ejjennoo keenya hin raafamne kan haqni fi kabajni egeree saba keenyaa itti dhugoomee, hookkarrii fi cunqursaan ammoo dhaabbachuu qaba jedhuun kan walsimatu dha. Ta’us waamichi kun, sirna Abiy yaad-rimee nagaa bifa qindaa’een twaraanaaf itti dhimma bahuudhaan, nagaa gara meeshaa ukkaamsaatti jijjiire jiru irrattis kan fuulleffate tauun isaa, fixaan ba´umsa waamichaa kanaaf rakkoo guddaa dha.

Sirna kana jalatti jechi nagaa jedhu, hiika akka dhabu taasifmaee, dhiigaan laaqamee jira. Sirni Abiy yeroo nagaa jedhu:

Tokkoffaa, nagaan sirnichi waamu, waraanni inni ummata irratti gaggeessu akka hin mul’anne yookaan haguuguuf meeshaa taeera. Abiy fi warri itti dhiyeenyan isatti marsee jiru, waa’ee nagaa fi araara Finfinneetti yoo ususaanitti, waraanni inni bobbaase garuu araddaalee/gandoota guutuu biyyattii keessatti mandaroota gubaa turan; jirus. “Nagaa” jechuun ijibbaata sirnichi, falmaa diddaa gabrummaa, kan mirga seeran of-irraa ittisaa kamuu dhabamsiisuuf akkasumas, haguuguuf taasifamu malee waldhabdee siyaasaa furuuf miti.

Lammaffaa, Abiyyiif nagaa jechuun, humnaan dirqisiisanii callisiisuu yaaluu dha. Wanti sirnichi nagaa jedhee waamu, fi waamicha godhamuutti dhimma bahee galmaan ga’uuf kaayyeffatu, duguuggaa sanyii sabarratti raawwatamuu fi hadooduu ummataa sababa hammeenya bulchiinsa sirnichaatiin qor-qalbii cabuurraa dhufuun, ummata callisisuu dha.

Miidiyaaleen walabaa ega cufamanii, karaa nagaa hiriira bahanii mormii dhaggeessisuun ega dhorkamee, hoggantoonni mormitootaa ega ajjeefamanii ykn biyyaa ari’amanii booda, callisa uumamuun, Abiy Ahmad “nagaa” jechuu barbaada. Nagaa–humnaan dirqiisanii callisiisuu, callisa bakka awwaalchaa, kan namoonni gaaffii mirgaa gaafatan rasaasan dacheetti makaman irraa argamu, nagaa uukkamsaa pireesii fi hidhaa jumlaa jalatti awwaalame.

Sadaffaa, sirnichaaf nageenyi meeshaa ololaaa kan ittiin qarqaarsa biyyoota alaa ittiin argachuuf yaalu dha. Kun sirnichaaf, mala ittiin arjoomtoota warra dhihaatirraa maallaqa ittiin walitti qabatudha-lolli osoo hin dhaabbatin ittuma fufsiisuun gocha fakkeessaa gargaarsa biyya alaas argachuuf isaan dandeessisu godhatu.

Walumaagalatti, Abiy Ahmad biratti “nagaa” jechuun, callisa ummataa kara hundumaan, (kijiba, fakkeessaa, burjaajii fi hookkara dabalatee) argamu jechuu dha.

Nagaan biyyattii fi naannawa Gaanfa Afrikaatti bu’uun, dantaa tarsiimoo ishee waliin hidhata waan qabuuf, Yuunaayitid Isteetis (US) kanneen itti aanan kana dabalatee humna qabdutti fayyadamuun Mootummaa Itoophiyaa irratti dhiibbaa godhuu qabdi. Isaanis:-

Kana ta’uu baannaan, dubbiin “nagaa” jedhu kun meeshaa waraanaa sirnichaa keessaa tokko tahee, akkuma kanaan duraa meeshaa cunqurfamtoota callisiisu akkasumas, ka namoota qulqulluu ajjeesu, ta’ee itti fufu ta´uu akeekkachiifna.

Exit mobile version