Sirni Abiy ilaalcha ummanni nagaa irratti qabu micciiruuf jecha hiriira garaa qajeeltummaan ummanni keenya nagaaf gaggeessaa jiru butuu itti fufeera. Fedhii ummanni keenyaa nagaa waaraatiif qabu kabajuu irratti ejjennoo cimaa kan qabnu ta’us, maalummaa sirnichaa isa dhugaa
fi diraamaa fakkeessaa maqaa nagaan qopheesse saaxiluu fi ummaataaf ifoomsuunis barbaachisaa tahuu hubachiisuu feena. Ummanni keenya nagaa dhugumaanuu isaaf maluuf haa hiriiru iyyuu malee, hiriirri sirnichi hin raggaasifne ykn siyaasaaf oolfachuu hin danda’u jedhee amanu, biyyattii bakka inni tohatu kamittuu akka hin hayyamamne ifa galaa dha. Wanti sirnichi nagaa jedhee waamu, qooq-lamee Orweeliyaaniin waraana/lola jechuu dha. Akkuma irra deddeebinee ibsine, waamichi nagaa kun kan nagaa miti; duula ololaa kan hidhannoo hiikkachisuu qofa kaayyeffate; duula ummata irraa ittisa isaa mulquuf qophaa’ee dha. Sirnichi miidhaa ummatarraan gahaa jiru luugama/to’annaa tokko malee daran jabeessee akka itti fufu kan taasisu dha. Kanaafuu ammas irra deebinee akka armaan gadiitti wal yaadachiiifna:
- Sirni kun sirna warraaqsa keenya butee gantummaa agarsiise, itti bahi warraaqsichaa dimokiraasii akka hin taane kan gatachiise, wareegama Qeerroo kumaatamaa warraaqsicha
keessatti gati kaffale kan xureesseedha. Sana booda faallaa yaada warraaqsichaatii, kanneen
sirnicha tajaajilan qofa filachuun, bakkoota jiran namoota wallaalaa dantaa sabaa hin beekneen guute. Marroo hunda waan kabajamaa tahe hunda butuu amala isaanii waan taheef, ammas waamicha ummata nagaatti fakkeessanii, gaaffii ummata keessa jiru kana butuudhaan ajandaa
dhuunfaasaanii kan warraaqsichuma butaniif sanaaf oolfachuuf dhama’a jiru. - Itti milkaa’uu baatu, sirni kun sirnuma waggaa jaha dura sagalee Oromoo ukkaamsee waraana irratti labsuun duula isaa eegale sani. Miseensota WBO sirnicha amananii nagaan deebi’an akkamitti akka dararaa ture, itti aansun mormitoota Oromoo gurmaa’anii jiran diiguuf maal gochaa akka turan, ajjeechaa suukanessaa Artist Hacaaluu Hundeessaa, Battee Urgessaa, fi kanneen biroo hedduu haala gaddisiisaa taheen yaadanna. Ifa gochuuf, hawaasni Oromoo yaada mataasaa qabaachuuf bilisummaa hin qabu, gaaffii gaafachuu hin danda’u, mul’ata fooyya’aa hawwuuf nagaa hin qabu; gabrummaa jalatti qabamee jira. Sirni mormii hidhannoo seera qabeessa ta’e,
- jeequmsa waliin wal fakkeessee ilaalu, fedhiinsaa aangoo jabeeffachuu qofa dha.
- Sirni Abiy Ahmed qabeenya humna namaa fi qabeenya dinagdee keenya saamuudhaan sirna dorgomaa hin qabne dha. Dargaggoonni keenya Yuunivarsiitii irraa kuffifamuun dirqisiifamanii gara mooraa waraanaatti geeffamani, dandeettii fi mul’anni isaanii karaatti hafe. Akka carraa, kanneen maatii qabeenya qaban irraa dhufan loltoota/kaadiroota sirnichaa isaan qabaniif maallaqa guddaa erga kaffalanii booda gadhiifamuu danda’u. Gama kaaniin ammoo, sirnichi qabeenya ummataa barnootaa fi bu’uuraalee misoomaarratti baasuu dhiisee, paarkiiwwan, ibsaa daandii cinaa, fi riizoortii irratti qisaasessa pirojektoota mootummaa hin ilaallanne, kan egeree ummata keenyaaf oomishaa hin daballe, fi fedhii hatattamaa hawaasa keenyaa giddu galeessa hin qodhanne hojjeta. Qabeenyi biyyatti hundi fedhi nam-tokkee Abiy Ahmed tajaajiluuf jedhameet umrii torbanoota muraasaf fakkeessaa misoomaa uumuudha.
- Sirni kun sirna egeree biyyattiitiif karoora qajeelaa beekamaa tokko hin qabne, federaalizimii sabdaneessaa biyyoottiirratti ejjennoo micciiramaa qabaachurraa kan ka’e caaseffama amma diriire jiru kana diiguuf kan hojjechaa jiru dha. Karaa marii biyyoolessaa jedhamu dabalatee
yaaliiwwan taasifaman hundi, yaalii aangoo Abiy Ahmad wiirtuurratti gadi jabeessuudhaan aangoo naannoolee sharafuu fi hanqinoota jiran wajjiinuu wantoota ummattoota biyyatti walitti qabanii jiran balleessuuf kan taasifaman qofa akka tahan ifatti mul’ata. - Dhimmi
nagaaBilxiginnaan jettu, miidhaa, haccuuccaa fi kachachalawwan armaan olii hunda itti fufsiisuuf sirnichi afaan fakkeessii akka xiyya tokkootti meeshaa waraanaa taasifatee itti fayyadama jiru. Waamicha nagaa WBO irraa bifa adda ta’een, waamichi nagaa sirnichi dhiheessaa jiru yaad-rimee nagaa irraa fagoo dha. “Nagaa” jechuun isaanii rakkinoota armaan olii keessaa tokkollee furuu hin ilaallatu; hidhannoo hiikkachiisuu, ummata ittisa isaa irraa mulquu qofa gaafata, itti fufuunis luugama tokko malee kachachala/saamicha itti fufuu, miidhaa fi cunqursaa itti fufsiisuu qofa kayyeffatee socho`a. Ummanni keenya nagaa qabatamaa, fi itti fufiinsa qabu barbaada-ummatoonni naannichaa hundi ni barbaadu. Nuti gama keenyaan, Bilxiginnaan olola nagaa kanatti utaalaniin seenuun waggaa lama dura, yeroo dheeraaf nagaa dhugaa furmaata waaraa argamsiisuuf waamicha gochaa turre. Warra haala mijataa Arat-Kilo keessa taa’ee waraana akka fiilmii ilaalu otoo hin taane warra guyyuu waraana keessa jiraatutu, daandii nagaarra dhaabbata. Haa ta’u malee, hanga afata mijataa Abiy Ahmed Arat-Kilo keessa afatee ummata dararu hanga hin jeeqamnetti, nagaan kan hin argamne fi, hidhaa qooq-lamee Orweliin kaa’ame keessatti hafa. Abiy cunqursaa afaan nagaatiin haguuguudhaan jechootas hiika isaanii butee kan ofii taasifachuudhaan ummata sobee bulchiinsa isaa maqaa gaarii hin qabne fudhachiisuu barbaada. Hanga caasaan aangoo Abiy fi kittilaayootasaa kan gaafatamummaa jalaa isaan dhokse kun hin diigamnetti nageenyi dhugaan argamuu hin danda’u, fedhiin ummata keenyaas tuffatamee xiyyeeffannoo dhorkamuu itti fufa. Nagaan dhugaa bilisummaa siyaasaa hammata, itti gaafatamummaa hordofsiisa, akkasumas kabaja mirgoota namoomaa fi ulfinaa waliin argama. Nagaan ummata Oromoo hidhannoo hiikachiisuun dhufu hin jiru.
Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO
Sadaasa 14, 2024

