Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yakka Daangaa Keenyaa, Moyyaalee, Keessatti Raawwatame Ilaalchisee (Ibsa ABO-WBO)

Dhiyoo kana walitti aansuudhan tarkanfiin dhukaasaa, namoota nagaarratti reebicha raawwachuu fi ukkaamsuu magaalaa Mooyyalee daangaa Keenyaa keessaatti Oromoota achi jiraataaniifi kan garasitti imalaaa turaan irratti rawwatamuun dhaga’amee jira. Yakka kana kan raawwataan hidhattoota daangaa cabsuudhan gama Itoophiyaa irraa gama Keenyaatti ce’an akka tahe poolisiin Keenyaa mirkaneefatee jira. Akka poolisiin Keenyaa mirkaneessetti yakka kana Hagayyaa 12, 2024 kan raawwatan harkii guddan lammii Itoophiyaa akka tahan namoota tohannoo poolisii Keenyaa jala oolan irra mirkanaa’e jira.

Yakki gara jabinaafi suukaneessaan uummata nagaarratti xiyyeefate kun uummata miidhuu bira darbee heeraa fi seera idil-addunyaa kan cabsee fi balaa guddaa nageenya fi tasgabbii naannoo kanaarratti kan qabu dha. Qorannoon adeemsifamaa jiraatullee shakkiin jiru, mootumman cunqursaan Itoophiyaa Finfinnee, ‘Arat Kiiloo’ jiru kan waggoottan afran darbaniif naannawa kana keessaatti jeequmsa uumaa ture, jeequmsa gara biyyaatti seensisisuufi gara biyya alaatti erguudhaan kan beekamuu harka keessaa qabaachu kan hin oole tahu dha.

Abiy Ahmad, nama biyyaa alaa daboo waammaachuudhaan akka lammii biyyasaa waraanan godhee fi wanti kun akka sirriitti raawwatamuu hooggansa kennaa ture yoo tahu, biyyoota akka Sudaan fi Somaaliyaattis jeequmsa kaasaa kan turee fi ammas itti jiru dha. Namni kun fedhii biyya biraa guutuuf jecha fira fakkaatee, humnoonni Sudaan keessaatti wal lolaa jiran akka lola sana itti fufan gochuu bira darbee maqaa, ‘Itoophiyaan balbala galaanaa qabaachuu qabdi’ jedhuun Somaaliilaandi wajjiin waligaltee wal hubannoo mallatteessudhaan biyyaa Somaaliyaa keesssattillee jeequmsa uumaa jira.

Haaluma kanaan, Abiy Ahmad amma ammoo dabareen kan Keenyaati, jechuudhaan jeequmsaa fi shororkaa gara daangaa Keenyaatti fidaa jira. Akka fakkaatutti tarkanfin kun hidhattoota mootummaan Itoophiyaa qindeessen, daangaa ce’uudhaan lammiilee biyyaa alaa akka ukkaamsaniifi jiraattota nagaarrati yakka akka raawwataniif, tahe jedhamee kan godhame dha. Sababni Abiy Ahmad wantoota kana raawwatuuf keessa hangi tokko:-

  1. Akkuma amalasaa Waraana Bilisumma Oromoo (WBO) ittiin maqaa xureessuuf,
  2. Oromoota biyya ollaa Keenyaa keessatti qabsoo bilisumma Oromoo deeggaran irratti shororkaa uumuuf,
  3. Dhiyeenya kana biyyoonni dhihaa, Abiy Ahmaditti dugdaa galuudhaan Keenyaa akka biyya michuu isaanii wiirtuu Afrikaa Bahaatti ilaaluu waan eegalaniif biyyatti kana keessaattis jeequmsa uumuudhaan tasgabbii dhorguufi, Abiy Ahmad osoo itti hin yaadiin miira qofaan guutamee waan hundarratti, waan raawwatu dhimma guddaa fi xiqqaa hundarratti, hooggansaafi biyya Keenyaa wajjiin wal dorgommii keessa waan jiru fakkaata. Taateen hiriiraa dhiyeenya kana Keenyaa keessaatti tahe, Keenyaan biyya dimokiraatoftuu tahuufi rakkoo ishi karaa nagaa fi tasgabbii qabuun uummata dhaggeeffachuun furmaataa laachuun ishii, Abiy Ahmad hangam sirnaan akka biyya gaggeessaa hin jirre saaxilee mul’isee jira. Qorannoon amma yakka Mooyyaleetti raawwatame kana ilaalchisee geggeeffamaa jiru akkuma jirutti tahee, qorannichi mootumman Abiy Ahmad yakka kanarraa bilisa osoo jedheeyyuu, wanti beekamuu qabu hidhattoonni yakka kana raawwatan Itoophiyaa keessatti leenjii fudhachuudhaan, hidhannoo hidhachuu fi daangaa Keenyaatti ce’anii uummata nagaa shororkeessuun isaanii mirkana.

Nuti gama keenyan, namoota miidhaan irra gahee fi maatii isaanii wajjiin akka dhaabbannu ibsina. Kana malees warra nagaa fi tasgabbiin naannichatti akka bu’uuf hojjechaa jiran wajjiin dhaabbaachuu keenya beeksisaa akkasumallee mootummaa Keenyaa kan yakka kanarratti qorannoo geggeessaa jiruufi waahellan isaanii biroo wajiin hojjaachuuf fedhii guutuu kan qabnu tahuu keenya beeksisuu barbanna.

Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO
Hagayyaa 16, 2024

Exit mobile version