Mootummaan Keeniyaa kutaalee kaaba biyyattii; Marsaabiit fi Isiyooloo keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) irratti oppireeshinii waraanaa eegaluu ibse.
Maqaa ”Operation Ondoa Jangili (Oppireeshinii Yakkamtoota Baasuu)” jedhuun Wiixata Guraandhala 03, 2025 kan eegale oppireeshiniin kun, iddoo dahannoo WBO qulqulleessuuf akka ta’e poolisiin Keeniyaa ibseera.
Oppireeshiniin kun erga mootummaan Itoophiyaa fi Keeniyaan waliin ta’uun WBO yakkoota adda addaa naannawa kana keessatti raawwachuun himatanii eegale.
Bara darbe ji’a Hagayyaa gara dhumaa aanga’oonni Tajaajila Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa biyyoota lameenii Finfinneetti wal arguun hidhattoota daangaa irratti, akkasumas Keeniyaa keessatti hojii shororkeessummaa raawwatan jedhan qolachuu irratti oppireeshinii cimsuuf kallattii haaraa kaa’uu ibsanii turan.
Aanga’oonni biyyoota lameenii daangaa irratti qaama yaaddoo nageenyaa uumaa jiru kaasuun wayita mari’atan maqaa ‘Shanee’ kaasan.
Aanga’oonni WBO himannaa kanaaf deebii ergaa gababaan BBCf deebisaniin, al- Shabaab waliin hariiroo akka hin qabne ibsanii turan.
”WBO yakkuunis waan haaraa miti. WBO qaama Al-Shabaab waliin waan isa walitti fidu tokkolleen hin jiru. Qaama biyya alaa qabes hin qabu” jedha deebiin kenne.
Mootummaan Itoophiyaa fi Keeniyaa waliigaltee walii mallatteessuun oppireeshinii waloo hidhattoota WBO kan mootummaan Itoophiyaa ‘Shanee’ jedhu irratti gaggeessuuf qophiirra jiraachuu Keeniyaatti Ambaasaadarri Itoophiyaa Baacaa Dabalee Fulbaana darbe BBC’tti himanii turan.
Oppireeshiniin hidhattootarratti gaggeeffame kun erga Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo aangoo qabatanii kan jalqabaa yoo ta’u, marii pirezidantichi aanga’oota Itoophiyaa waliin taasisan hordofee torbanoota keessatti raawwate.
Ji’a darbe Pirezidant Ruutoon Daarektara Tajaajila Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen waliin mari’atanii turan.
Daarektara Tajaajila Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa Keeniyaa kan ta’an Nuurdiin Hajiis marii sanarra turan.
Mariin aanga’oota biyyoota lameenii masaraa mootummaa Keeniyaatti erga gaggeeffamee torbanoota booda oppireeshiniin Waraana Bilisummaa Oromoorratti eegale.
Hoogganaa Tajaajila Poolisii Keeniyaa Inspektar Jenaraal Doogilaas Kaanjaa Kiroochoo bakka bu’uun oppireeshiniin marsaa jalqabaa kun eegaluu kan ibsan Hoogganaa Itti Aanaa Poolisii Jilbart Masengeli fi Daarektara Tajaajila Qorannoo Yakkaa Mohammad Amiin turan.
Ibsi oppireeshinii Doogilaas Kaanjaa kan aanga’oonni kunneen eegalchiisan akka mul’isutti Keeniyaan tarkaanfiin kun qaamolee seeraan ala socho’anii fi yakkoota adda addaa irratti bobba’anii jiran, kanneen nageenya biyyaalessaa Keeniyaaf yaaddoo ta’an irratti kan fuulleffatedha.
”Gochi qaamolee yaaddoodha jedhaman kunneenii daddabarsa namootaa, meeshaalee waraanaa fi qorichoota adda addaa, seeraan ala albuuda baasuu, uummata gosaan walitti buusuu fi namoota ukkaamsanii maallaqa gaafachuu fa’i,” jedhan.
Yakkoonni qondaala poolisiitiin eeraman kunneen bal’inaan Solooloo, Mooyalee, Kaaba Horr, fi bulchiinsa Martii gama garii keessatti raawwate.
Iddoo oppireeshiniin waraanaa itti gaggeeffame keessaa tokko ganda Solooloo jala jirtu Ambaaloo kan jedhamtudha.
Bulchaan Ganda Ambaaloo Alii Sooraa qaami nageenyaa Keeniyaa bobba’uun warra barbaadan adamsuu akka eegalan quba qabaachuu BBCtti himan.
”Sa’aatiima aduun dhihu [qaamoleen nageenyaa] dhuftee dabarte. Achumatti hojiisaanii hojjetan. Nullee faana hin yaane. Waan isaan hojjetan hin agarre.”
Aab Alii Sooraa qaamoleen nageenyaa dhufanii darbuu malee hidhattoota waliin wayita walitti dhukaasan akka hin argine ibsan.
Garuu fageenyarratti dhukaasi akka turee fi dhukaasa waliin aarri wayii fagootti akka mul’atu himan.
”Oppireeshinii kanallee hin dhageenye turre. Qaamoleen nageenyaa wayita dhufanii darban qofa argine. Uummata homaayyuu hin gaafanne. Ollaan keenya nagaa qaba,” jedhan.
Qondaalli Poolisii Doogilaas Kaanjaa kaayyoo gooroon isaanii nageenya uummata naannoo rakkoon keessatti mudataa jiruu mirkaneessuu ta’uu eeruun, uummannis kana beekee akka tasgabbaa’uu fi qaamolee nageenyaa bobbaafaman akka tumsan dhaaman.
Hidhattoonni oppireeshiniin irratti gaggeeffamuu eegale kunneen walitti hidhamiinsa maatii fi hariiroo aadaa jiruu fi jireenyaa Oromoo Booranaa Keeniyaa fi Itoophiyaa keessa jiraatan akka carraatti fayyadamuun isaanitti maxxananii yakka raawwatu jedhe poolisiin Keeniyaa.
Hidhattoonni kunneen Kaawuntiiwwan Isiyooloo fi Marsaabiit keessa bal’inaan buufatanii akka jiranii fi akka socho’an eeran qondaalli poolisii Doogilaas Kaanjaa.
Akka ibsa qondaala poolisii kanaatti hidhattoonni kunneen daangaa Keeniyaa fi Itoophiyaatti yakkoota akka uummata doorsisuun humnaan qabeenya irraa saamuu fi shamarran fi dubartoota gudeeduu raawwatu.
Kutaalee biyyaa poolisiin Keeniyaa oppireeshinii keessatti eegaluu ibse kunneen keessatti gareen gurmaa’anii yakkoota adda addaa raawwatan heddummaataa dhufaniiru.
Yakki bal’inaan Kaaba Keeniyaa kutaalee Marsaabiit fi isiyooloo keessatti hammaataa jiru namoota seeraan ala daddabarsuudha.
Gareen gurmaa’anii yakka raawwatu jedhaman kunneen albuuda baasuurratti bal’inaan bobba’anii ittiin jiraatu jedha ibsi poolisii Keeniyaa.
Mootummaan yakkoota hammaataa dhufan kunneen ittisuuf jecha qaamolee nageenyaa ramadus gareen gurmaa’anii yakka raawwatan (gangs) ittuu cimanii iddoowwan warqii fi albuudi kaan jiru weeraruun warqee hedduu guurratan.
Naannawa sanatti waldhibdeen iddoo albuudaatti mudatu lubbuu hedduu gaaga’aa jiraachuus ibse poolisiin.
Kaayyoon guddaan oppireeshinii eegaleef tokko ka’umsi isaa kana ta’uus ibse.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n maal jedhe?
Oromoo fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti nagaa buusuuf jaarsummaadhaan tattaaffii taasisaa turan keessaa tokko.
Amma garuu ibsa Waraana Bilisummaa Oromoo balaaleffatu baasuun oppireeshiniis eegaluu ibsaniiru.
Kun hariiroo waraana kanaa fi mootummaa Keeniyaa gidduu jirurratti waan akeeku akkanaan ibsan Obbo Jireenyaan.
”Hariiroon duraanii akkuma jirutti jira. Garuu qaamumti mootummaa [Keeniyaa] wal beekuusaa shakkina. Kana maqaa xureessuutti hubanna. Qaama yakka hojjete adda baafachuu dadhabuu, gama mootummaa Itoophiyaa goranii maqaa WBO xureessuun dogoggora guddaa hojjetamedha.”

