Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan Keeniyaa maqaa Duula WBO balleessinaatiin uummata Oromoo kutaa Kaaba biyyattii keessatti argaman irratti reebichaa fi dararaa ulfaataa raawwachaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025 

Mootummaan abbaa irree Abiy Ahimediin hoogganamu waggoota 6’n darban kana keessatti lola jajjabaa Waraana Bilisummaa Oromoo WBO waliin geggeessaa jiruun abdii kutannaa keessa seenuun daboo sobaa fi dabaa mootummaa Keeniyaa kadhaachuun mootummaa Keeniyaa gocha fokkisaa uummata Oromoo daangaa fi Kaaba biyyattii keessatti argamu irratti raawwachaa jiraachuu uummatni Oromoo naannoo sanaa dubbachaa jiru.

Uummatni Oromoo Booranaa (Saakkuuyyee fi Waasoo) naannoo kana jiraatu yeroo dheeraaf nagaa fi tasgabbiin jiraachaa akka turee fi impaayerri Itiyoophiyaa uummata Oromoof jibbiinsa sanyummaa qabu mootummaa Keeniyaa nagaan waliin jiraachaa turre shiraa fi sobaan nutti garagalchee miidhaa ulfaata nurraan ga’aa jiru jechuun jiraattonni dubbataniiru.

Oppireeshinii kana gaggeessuu akka eegale Kibxata dheengaddaa kan ibse poolisii Keeniyaa yoo ta’u qaamolee irratti xiyyeeffatanis Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO-WBO) ta’uu eeran. Haata’u malee sababa oppireeshinii kanaan miidhamaa kan jiran namoota nagaa ta’uu jiraattonni kutaalee Marsaabiit ni dubbatu.

Jiraataan maagalaa Mooyalee tokko doqdoqqee oofuun kan of jiraachisu osoo homaa hin beekin tasuma karaa irratti humnoota nageenyaa Keeniyaan qabamee ”guddoo reebamuu”  hime. ”Ani doqdoqqeen karaa deemaa ture. Yoo ani dhufu waraanni Keeniyaa nama tokko dhaanaa jiru. Ilkaan keessaa jissitee, fuula keessa akka malee tumtee dhiiga keessaa yaasan jechuun dubbata. Nama kana harka duubatti hiitee baayyee miitee jirti,” jechuun dararaa namoota irra ga’u kan ijaan arge hima.

”Nullee doqodoqqee irraa nu jissitee fuula lafatti deeffadhaa jettee nurra deemte,” jechuun reebichi isa irrattis raawwachuu  hime. Akka namni kun jedhutti qaamoleen nageenyaa kunneen erga isaa fi namoota kaan reebanii booda waraqaa eenyummaa gaafachuun gadhiisan.

”Namni isaan akka malee reeban nama guddaa daa’imman afur qabuudha. Amma ofiyyuu hin beeku. Dubbachuu hin danda’u. Hospitaala Mooyalee ciisaa,” jiraachuu himuun maqaa duula kanaan uummata Oromoo irratti miidhaa geggeessaa jiraachuu BBC dabalatee miidiyaalee adda addaa fi falmitootni mirga namoomaa ibsaa jiru.

Exit mobile version