Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ministirri mootummaa Somaalee duraanii Keeniyaatti achi buuteen isaanii dhabame

ONM-ABO Amajjii 16, 2024

Ministirri Nageenyaa Jubaland duraanii Abdirashid Janan guyyoota torba darbaniif Keeniyaa Naayiroobii keessatti achi buuteen isaanii dhabamuu miseensonni maatii isaanii himan.

Ministirri Nageenyaa Naannoo Jubbalaand, Yuusuf Huseen Usmaan Dhumaal, dhaabbileen nageenyaa mootummaa Keeniyaa eessa akka jiranii fi haala Ministira kanaa irratti odeeffannoo akka kennan dhaamaniiru.

“Mootummaan Keeniyaa, keessattuu qaamonni nageenyaa ishee, bakka Ministirri Jaanaan, Naayiroobii keessatti guyyootaaf dhabamanii turan adda baasuu qabu,” jechuun Ministirri Dhumaal cimsanii dubbataniiru.

Ugas Mohamed Ugas Ahmed, jaarsi aadaa gosa Marehan, mootummaan Keeniyaa Abdirashiid bakka inni jiru agarsiisuu fi eeguuf tarkaanfii seeraa akka fudhatus gaafataniiru.

Mootummaan Keeniyaa naannoo isaa keessatti lubbuu fi qabeenya uummata Somaalee tiksuuf itti gaafatamummaa akka qabu cimsanii dubbataniiru.

Bara 2021 kana dura mootummaa federaalaa waliin kan wal dhabe Abdirashid Janan waliigaltee Moqaadishoo waliin taasifame hordofuun mootummaa giddu galeessaaf harka kennate. Haa ta’u malee ji’oota hedduu booda hoggantoota mootummaa federaalaa waliin waldhabdee keessa seenee mormitootatti makame. Dhiheenya kanas Keeniyaa keessa jiraachaa akka ture gabaafameera gaazexaan hiiraan.com dubbisiiseera.

Exit mobile version