Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mormii Waxabajjii 18 irraa eegalee ka’een namoonni 50 du’uun, 413 madaa’aniiru jedha Koomishiniin Mirga Namoomaa Keeniyaa

ONM-ABO Adoolessa 17, 2024

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Biyyaalessaa Keeniyaa akka gabaasetti hanga ammaatti mormii farra mootummaa waliin wal qabatee walumaa galatti namoonni 50 du’aniiru.

Kaleessa Adoolessa 16, 2024 mormiin labsii Farra Faayinaansii Kibxata, Waxabajjii 18, 2024 erga jalqabee amma  torban afur ta’eera.

Ibsa KNCHR baaseen  miidhamtoota keessaa gariin isaanii osoo wal’aansa irra jiranii miidhaa irra ga’een kan du’an yoo ta’u, reeffi kaan ammoo caccabaa manaa  Naayiroobii gubate jalatti argameera.

Dura teessuun komishinichaa Rooselinee Odede, ajjeechaa fi miidhaan namootaa mudate irratti qorannoon sirrii akka taasifamu gaafataniiru.

“Namoota siiviiliis ta’e bakka bu’aan nageenyaa himatamuu qabaatanis yakkamaa ta’anii argaman,” jette.

“Akkasumas Kabajamoon Pirezidaantichi qaamolee nageenyaa bobbaafaman hundaaf sarbama mirga namoomaa irratti qajeelfama wal danda’uu baasuudhaan olaantummaa seeraa kabajuuf waadaa galan akka kabajan gaafanna” jetti.

Namoonni 59 butamanii ykn achi buuteen isaanii kan dhabame yoo ta’u “Lakkoofsi namoota hidhamanii 682 dha. Butamuu fi hidhamuu balaaleffanna, mormii waliin walqabatee namoota seeraan ala hidhaman hundi hatattamaan haal-duree tokko malee akka hiikaman gaafanna,” jetti.

Inispeektar Jeneraalaa Poolisiitti, Abbaan Taayitaa To’annoo Poolisii Walabaa  fi Waajjirri Daarektarri Abbaa Alangaa Mootummaa poolisii dabalatee namoota sarbama mirga namoomaatiin yakkamaa ta’anii argaman hunda akka saffisiisan gaafatama seeraa argatan waamicha dhiheessiteetti jechuun The Star Kenya’n gabaaseera.

Exit mobile version