Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yakkoota “Milishaa Faannoo” Abiy Ahmediin Deeggaramuun Wallagga Bahaatti Ummata Nagaarratti Raawwatamu Ilaalchisee (Ibsa ABO-WBO)

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) duulli yakka bal’aa milishaa mootummaadhaan deeggaramu kan “Faannoo Wallaggaa” jedhee of waamuun ummata nagaa Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa keessatti raawwatu itti fufee jiraachuu argaa jira. Gareen kun jalqaba sirna Abiyyiin gurmaa’ee kan hidhachifame yoo tahu, deeggarsi bifa dhiyeessiitiin/loojistikiitiin mootummaadhaan kennamuufis itti fufee jira. Gareen kun hanga yeroo dhiyootti humnoota milishaa idilee sirnichaa keessaa akka tokkootti kan ture yoo tahu, sirna-dhabimsa naannawa kana keessatti uumuuf akka tajaajilu tahee tolfame.

Sirni kun, kaayyoowwan lamaaf jecha sochii garee yakkaa kanaa takkaawuu hayyama ykn deeggara. Isaanis:

1. Hawaasa Oromoo naannicha keessa jirutti sodaa uumuu fi dararama keessa galchuudhaan sochii diddaa gabrummaa kan itti mirga qabnu ka WBO’n hoogganamu irratti deeggarsaa fi hirmaanna ummata bal’aa ukkaamsuuf barbaaduu fi;

2. Walitti bu’iinsa dalgaa hawaasa gidduutti akka uumamu kakaasuu akkasumas itti fufsiisuudhaan, gamtaa hawaasa gurguddaa biyyattii lamaan gidduu jiru cabsuu fi waldhabdee babal’isuuf kan yaadame.

Bu’uruma kanaan, gochi milishaa kanaa mirgoota bu’uraa ummata keenyaa ka cabsu ta’ee itti fufee jira. Garee yakkamaa kana kan uume waan ta’eef, akkasumas itti fufiinsaan jiraachuu garee kanaatiif qaama gargaaru ka jalqabaa ta’uu isaatirraa kan ka’e, gocha hammeenyaa garee kanaatiif mootummaan Abiy kallattiidhaan itti gaafatama dha.

Kanaafuu, WBOn haleellaa mootummaadhaan deeggaramee taasifamu qolatee ummata nagaa tiksuuf jecha tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an hunda fudhachuuf Wmirgaa fi itti gaafatamummaa mamii hin qabne akka qabu ifa gochuu feena. Garee beekaas ta’e osoo hin beekin, gocha diigumsaa fi qoqqoodinsaa sirnichaa dhugoomsuuf bobba’e kamuu dhabamsiisuuf tarkaanfii barbaachisu ni fudhanna. Dabalataanis qooda fudhattoonni siyaasaa naannawa kanarraa dantaa figaafatamummaa qabanii fi dhaabbileen hawaasaa (siivilii) hundi, garee yakkaa kana akka meeshaa shororkeessummaa Abiy Ahmeditti akka hubatan waamicha goonaf.

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO

Hagayya 28, 2025

Exit mobile version