Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee aanaalee garaa garaa keessatti saamichaa fi dararaan murna PP’n uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru hammaachuun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 30, 2025 

Baha Harargee aanaalee garaa garaa keessatti kan argaman hawaasni Oromoo yeroo darbe sababa hidhattoonni naannoo Somaalee daangaa darbuun lola irratti bananii miidhaa lubbuu fi qabeenyaa irratti raawwachuun buqqisaniif jecha bakkoota adda addaatii mataa qabachuun kanneen gadadoo ulfaataa keessatti rakkatanii jiraachaa jiranii fi uummata ofiifuu gargaarsa barbaadu irratti saamichi jabaachuu jiraattonni dubbatu.

Saamichi kunneen maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun akka ta’es kan himan, nama tokko irraa hanga qarshii 28,000 irraa fuudhuu fi kan dhabe immoo hidhanii mankaraarsuun lukkuu tokkittii inni qabu irraa fudhachaa jiraachuu jiraattonni sirnichaan saamamaa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees guutummaa aanichaa keessatti ba’aa fi gala ilmaan Oromoo boqonnaa dhorkee jiruu fi jireenya itti hadheessuun gola rakkinaa kan godhe murni balfamaan PP, dargaggoota fedhii isaanii malee dirqisiisee qabuun gara adda waraanaatti guuraa jiraachuu fi kaffaltii diddan jechuun tajaajila dhorkachaa jiraachuu dubbatan.

Exit mobile version