Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni PP Lixa Wallaggaa Aanaa Aayiraa keessatti dargaggoota ukkaamsuun leenjii waraanaatti guuraa jiraachuun barame

ONM-ABO Caamsaa 2, 2025 

Duula duguuggaa sanyii jaleewwan isaa bobbaasee ilmaan Oromoo irratti geggeessaa kan jiru abbaan irree impaayerattii Abiy Ahimed aanaa Aayiraa ganda Dagaagaa Aayiraa keessaa Ebla 28, 2025 dargaggoota 20 ol ta’an halkan toora sa’a 6:00’tti ukkaamsuun himame.

Dargaggoota kanneen keessaa kan maqaan isaanii nu qaqqabe:

  1. Jaalal Yaadataa,
  2. Xilahuun Gabbisaa fi 
  3. Gammachuu Habtaamuu kanneen jedhamaniidha.

Sabaa fi sab-lammoota impaayerattii keessaa addatti uummata Oromoo irratti xiyyeeffachuun bututtuu impaayera Itiyoophiyaa ittiin suphuuf guuree soora rasaasaa gochuu kan aadeffate bulchiinsi Abiy Ahimed lola guutuu impaayerattii keessatti isa mudatee jiruun harcaatii hamaan loltoota isaa mudachuu irraa kan ka’e halkanii fi guyyaa jooruun xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa, akkasumas dhukkubsataa fi fayya qabeessa osoo hin jenne afaan qawween ukkaamsee soora bineensaa gochuuf hojjechaa jira.

Exit mobile version