ONM- ABO Waxabajjii 14, 2023
Gochaa fi yaada abbaa irrummaa tarkaanfachiisaa kan jiru murni bilxiginnaa faashisticha Abiy Ahimediin durfamu, harqoota gabrummaa jalatti uummata Oromoo jilbeenfachiisuuf humna waraanaa guddaa ijaaruu itti fufu illee, kaayyoo fi akeeka cubbuu sirnichi uummata nagaa irratti raawwachuutti jiru balaaleffachuun miseensonni waraana isaa hedduun miliqanii baduu fi WBOtti harka kennachuu jabeessan.
Oduma kanaan walqabatuun miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayerattii 2 godina Lixa Wallaggaa ona Aayiraa mooraa waraanaa Boondawoo keessaa miliquun WBOtti harka kennachuun beekame.
Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii kunneen Qawwee Akm Turkii 2, Boombii harkaa 2, rasaasa 300 fi hidhannoo lama fudhachuun waraana bilisummaa Oromootti harka kennachuun mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo jabeessaniiru.

