ONM-ABO Caamsaa 3, 2025
Gochoota suukkanneessoo fi farra namoomaa ta’an akka lammiilee nagaa irratti raawwachuun beekumsaa fi jabina isaanii kan itti fakkaatu gareen badii Abiy Ahimediin hoogganamu Ebla 30, 2025 aanaa Qarsaa Maallimaa ganda Dhaawwaa Dhangaggaa keessatti halkan keessaa toora sa’a 2:00-4:30’tti walakkeessa halkanii uummata cidha irra jiru manatti itti dhaquun yakka tokko malee reebicha irratti raawwachuun miidhaa irraan ga’uu maddeen ifoomsanii jiru.
Yakkoota sarbamiinsa mirga namoomaa ilmaan Oromoo irratti raawwachuun jiruu idilee isaanii kan ta’e, ergamtoonni Abiy Ahimed dararaa uummata nagaa irratti geggeessan jabeessuun aduu dhiitee bariituun qe’ee Oromootti gadda uwwisaa jiraachuun kan beekamuudha.
Miirri namummaa fi kabajaan ilma namaa irraa kan hin mul’anne gareen kun Oromiyaa bakkoota hedduutti gara laafina tokko malee uummata irraa dhalatan irratti duguuggaa sanyii geggeessaa jiru.

