Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee Aanaa Malkaa Bal’ootti dhiittaan mirga namoomaa jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Caamsaa 7, 2025 

Aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Tokkummaa Jaalalaa jedhamu irraa jaleewwan Bilxiginnaa hawaasa gidirsuu amaleeffatan, torban tokko dura namoota maqaan isaanii:

  1. Mahaammad Aarif Muusee,
  2. Ahimad Aliyyii,
  3. Jaaloo Badrii fi
  4. Jamaal Yusuuf 

jedhaman sababa tokko malee harka isaanii duubatti hidhuun waajjira poolisii aanichaatti hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Namoonni kunneen dhiittaan mirga namoomaa ulfaataan kan irratti raawwatameef badii tokko qabaataniif osoo hin taane, sababa Oromummaa isaanii qofaaf garmalee kan reebaman yoo ta’u, yeroo ammaa kana mana hidhaatti doorsisaa fi hiraarsaan irra gahaa jiraachuun dabalataan ibsamee jira.

Gareen faashistii PP loltoota naamusa hin qabne kanneen daandii irratti guddatanii fi duraanuu akka itti nama saaman dhabanii rakkatan walitti qabuun qarshii xiqqoon goyyomsee, guyyaa muraasa leenjisuun meeshaa itti kennee hawaasa irratti dararaa ulfaataa raawwachaa jira.

Exit mobile version