Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti dhiittaan mirga namoomaa waraana Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu hammaate

ONM-ABO Ebla 15, 2025 

Aanaa Sayyoo ganda Abbaa Jaarraatti gareen Bilxiginnaa hawaasa nagaa dararuutti gammachuu guutuu argatan Ebla 10, 2025 dargaggoo maqaan isaa Tewoodiroos Buungataa jedhamu mana maatii isaatii ukkaamsuun gara laafina tokko malee akka bineensaatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Tiksitoonni impaayerattii jibbiinsa hawaasa Oromoof qaban irraa ka’uun lubbuu qaalii kumaatamaan galaafachaa kan jiran guyyuma kana, gandichatti dargaggoota maqaan isaanii:

1. Tumuddin Ittaanaa fi

2. Iyyoobee Kabaa jedhaman irratti reebicha ulfaataa erga raawwataniin booda, gara mana hiraarsaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraataan gandichaa sodaa fi yaaddoo nageenya isaaf maqaa isaa akka hin eeramne barbaadu tokko ONM’tti himee jira.

Akka jiraataan ONM dubbise kun jedhutti, “namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamiyyuu kan hin qabne ta’us, ‘hidhata WBO qabdu’ jechuun badii tokko malee saamichaa hanga ajjeechaatti hawaasa dararaa oolu. Gochaan gara jabinaa daangaa darbe loltoota sirnichaan nurratti raawwatamaa jiru, qaama itti iyyannus dhabnee rakkoo guddoo keessa jirra, ba’anii galuufiyyuu yaaddoo cimaa nutti ta’ee jira” jechuun dubbata.

Exit mobile version