Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa Aanaa Martiitti obboleeyyan lama waraana faashistii PP’n ajjeefamuu fi sarbamiinsi mirgoota namoomaas raawwachaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Ebla 6, 2025 

Ebla 4, 2025 aanaa Martii ganda Doyee Gorbee keessatti dargaggoota lama ilmaaan abbaa tokkoo kan ta’an kanneen maqaan isaanii:

  1. Jawaar Kaliilii fi 
  2. Gazaalii Kaliil 

jedhaman dhimma dhuunfaa isaaniif aanaa Jajuu keessatti kan argamtu magaalaa Jimaatee oolanii gara mana isaaniitti galaa osoo jiranii waraanni murna PP gaaffii tokko malee daandii irraa qabanii ajjeesanii gatuun reeffa isaanii bineensa kan nyaachisan oggaa ta’u, ergasii booda uummanni lafee isaanii walitti qabee akka awwaale jiraattonni ijaan argan ONM’tti himan.

Kana malees gandichuma keessatti jaleewwan murna Bilxiginnaa nama maqaan isaa Awwal Xahaa jedhamu gara mana isaatti itti dhaquun yakka tokko malee qabeenya isaa guutuu waliin mana isaa barbadeessuun horii inni qabus jalaa qalatanii nyaatanii erga fixaniin booda isa irratti ammoo reebicha hamaa raawwachuun caccabsanii mana hidhaatti darbatanii jiraachuu ONM odeeffateera.

Jiraattota gandichaa irratti dhiibbaan murna balfamaa kanaan geggeeffamaa jiru jabaachuun ganduma Doyee Gorbaa jedhamtu irraa dargaggoo maqaan isaa Gazaalii jedhamu nama dhalootaan bakka biraa kan ta’e hojii humnaa hojjetee hawaasa gandichaa keessa kan jiraatu goolessitoonni sirnichaa ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuun beekameera.

Exit mobile version