Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattoonni Abiy Ahimediin durfaman Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuutti maanguddoota lama ajjeesan

ONM-ABO Ebla 17, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Tulluu Incinnii jedhamu keessatti Ebla 15, 2025 jaarsa biyyaa kan maqaan isaanii Obbo Dirribaa Bulchaa Mura’uu jedhaman hidhattootni sirnichaa badii tokko malee mana isaanii keessaa qabuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees aanichuma ganda Awwaasii Giittan jedhamu irraa Ebla 15, 2025 waraanni garboomfataan PP halkan keessaa sochii gochuun maanguddoo maqaan isaanii Obbo Baaruu Dhufeeraa jedhaman manaa gadi baasuun gara laafina tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatanii deemuu maddeen ONM’f ifoomsanii jiru.

Akka maddeen ibsanitti maanguddoonni balleessaa tokko malee shiftoota murna PP’n ajjeefaman kunneen hojii dhuunfaa isaanii hojjetachuun maatii isaanii jiraachifachuu irraan kan hafe tuttuqaa siyaasaa tokko keessaa qooda kan hin qabne ta’uu maddeen dabaluun dubbatu.

Exit mobile version