Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sudaan Gamtaa Imireetota Arabaa UAE waliin hariiroo dippilomaasii kutte 

ONM-ABO Caamsaa 7, 2025 

Sudaan Kibxata Kaleessa Yunaayitid Arab Emireet (UAE) waliin hariiroo dippilomaasii addaan kutuun hojjettoota Imbaasii Abu Daabii irraa ofitti waamteetti.

Manni Maree Nageenyaa fi Ittisaa ibsa kenneen UAEn “Mootummaa weerartuu” jechuun biyya Galoo Galaanaa Humnoota Deggarsa Saffisaa (RSF)n deeggarti jechuun labseera.

“Addunyaan guutuun, waggoota lamaa oliif, yakka weerara abbaa biyyummaa, tokkummaa naannoo, fi nageenya lammiilee Sudaan irratti UAEn raawwatame argeera,” jedha manni marichaa.

Murtiin kun kan kenname erga Manni Murtii Idil-addunyaa (ICJ)n himannaan Sudaan Abu Daabiin “qorannoo duguuggaa sanyii” bulchiinsa Daarfuur Lixaa keessatti RSF deggarun raawwatte jedhame kuffisee fi  himannaa kanas UAEn haalte jedhameen booda.

Murtee Sudaan kana irratti Yuunaayitid Arab Emirates irraa yaadni battalaa hin kennamne jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version