ONM-ABO Caamsaa 10, 2025
Murni nagaan uummataa isa hin mararre kan jeequmsaaf goolamuun isa gammachiisu aanaa Waamaa Hagaloo ganda Gossaanii Baabboo keessatti Caamsaa 6, 2025 maqaa xaa’oo isiniif kennina jedhuun sobanii magaalaa Qassootti uummata waamuun jumlaan hidhaatti darbachuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru.
Namoonni qabaman kunneen baay’inaan 20 ol yoo ta’an isaan keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe:
- Tashoomaa Addunyaa,
- Yaadasaa Badhaasaa,
- Rabbumaa Taaddasee fi
- Abdii Lammaa
kanneen jedhaman oggaa ta’an, namoota ukkaanfaman kana keessas, maanguddoota, dargaggootaa fi barattoonni akka keessatti argaman maddeen dabaluun addeessaniiru.
Goolessitoonni Abiy Ahimed kunneen qawwee baatanitti dhimma ba’uun golee Oromiyaa cufa keessatti yakkoota mirga namoomaa ilmaan Oromoo irratti geggeessaa jiraachuun kan beekamuudha.

