• Mon. Mar 16th, 2026

Baha Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo keessatti murni PP uummata ukkaamsuun hidhaa jiraachuun dhaga’ame

May 10, 2025

ONM-ABO Caamsaa 10, 2025 

Murni nagaan uummataa isa hin mararre kan jeequmsaaf goolamuun isa gammachiisu aanaa Waamaa Hagaloo ganda Gossaanii Baabboo keessatti Caamsaa 6, 2025 maqaa xaa’oo isiniif kennina jedhuun sobanii magaalaa Qassootti uummata waamuun jumlaan hidhaatti darbachuu jiraattonni ONM’f eeranii jiru.

Namoonni qabaman kunneen baay’inaan 20 ol yoo ta’an isaan keessaa muraasni maqaan nu qaqqabe: 

  1. Tashoomaa Addunyaa, 
  2. Yaadasaa Badhaasaa, 
  3. Rabbumaa Taaddasee fi 
  4. Abdii Lammaa 

kanneen jedhaman oggaa ta’an, namoota ukkaanfaman kana keessas, maanguddoota, dargaggootaa fi barattoonni akka keessatti argaman maddeen dabaluun addeessaniiru.

Goolessitoonni Abiy Ahimed  kunneen qawwee baatanitti dhimma ba’uun golee Oromiyaa cufa keessatti yakkoota mirga namoomaa ilmaan Oromoo irratti geggeessaa jiraachuun kan beekamuudha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading