ONM-ABO Caamsaa 10, 2025
Gara jabeeyyiin waraana sirna nama nyaataa PP umurii aangoo siyaasaa nam-tokkee dheressuuf namoota faallaa ilaalcha Abiy Ahimed jedhan hidhaa, saamichaa fi ajjeechaa jiraattota irratti rawwachuu jabeessanii jiru.
Bifuma kanaanis Lixa Harargee aanaa Shanan Dhuuggoo ganda Qorkee Araddaa Haqaan Jiraataa keessatti Caamsaa 5, 2025:
- Obbo Abdallaa Aammee abbaa ijoollee afurii kan ta’anii fi
- Obbo Ziyaahad Mohaammed abbaa ijoollee shanii kan ta’an
badii tokko malee mana isaaniitii qabanii wajjira poolisii magaalaa Waldayaa erga geessanii booda gara mana hiraarsaa aanaa Shaanan Dhuuggootti dabarsuun hidhaatti galchanii dararaa hamaa irratti rawwachaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Gareen maafiyaan Abiy Ahimediin bobbaafaman mirga uummata nagaa sarbuun akka fedhii fi ilaalcha mataa isaatti bitee bulchuuf jecha hamminaa fi hiraarsuu hojii idilee isaanii taasifachuun namoota nagaa hidhata dhaaba siyaasaa kam irraayyuu walaba ta’an irratti guyyaa guyyaan sarbamiinsa mirga namoomaa irratti raawwachisaa jirachuun kan beekamuudha.


